Oduu Haaraya

Gabaasa Kabajaa Ayyaana Waggaa 50ffaa Waldaa Meccaa-Tuulamaa fi Ayyaana Irrecha Magaala Nürnberg biyyaa Jarmaniitti kabjame

Onkoloolessa 19, 2014

Ayyaana Irrechaa yeroo jalqabaaf gaafa 18.10.2014tti  Magaala Nürnbergtti  kan Kabajame ole yemmu ta’u Seena Ayyaanicha maal akka ta‘e fi akkasumas Ayyaanni kuni Ummata Oromoof maali isa jedhu ilaalchise Miseensa Qindessitoota Ayyaana Irrechaa Awurooppaa kan ta’aani Obbo Getachoo Camadaa barumsa ball’aa kann kennan yemmu ta’u akkasumas gaaffi fi deebi hirmaattoottaff walin geggeffame jira.

Qophii kana irratti qophii sirna „Buuna Oromooshamarran Oromoo dhihessaniiru.

Obbo Getaachoon „Ayyaani kuni ayyaana jaalaa fi araaraati!“ kan jedhan yemmu ta’u Oromonni argamani hunda gammachuu guddaan sirba aadaa Oromoo walin sirba fi ragada kann olani sagantichi haala midhagaa ta’een xumurame jira.

>

 

Ayyaana Wagaa 50ffaa WMT fi Qophii Aadaa Oromoo Magaala Nürnbergitti haala midhagaa ta’een Kabajame

 

Nuernberg 27.09.2014

 

Qophii Ayyaana Waggaa 50ffaa Waldaa Maccaa-Tuulamaa bakka kessummoota hedduu argamaniin magaala Nürnbergitti Akka aadaa Oromoo Ebbaa manguddootan baname.

Ittiaansuudhaan qophii Agarsiisaa aadaa Oromoo fi Sirbaale Oromoon kan dhihaate jiddu jidduttii immo dargaggoota Oromoo Obbo Muktar fi Obbo Ahimedin Walaloo  Qabsoo Bilisummaa Oromoo faarsuu fi hamilee nama kakaasu dhihessaniiru.

Turtii boqonnaa fi Laaqana booda immo Waa’ee Waldaa Maccaa- Tulama barumsa Hawaasa Oromoo Berlin irra marsaa Skype dhaan kan kenname yemmu ta’u,  Do’ii gabaabdu „Abbaa Caaltu“ dargaggoo Oliyad Dinaolin qophaa’ee umataatti barsise fi bashannansiise jira.

Walumagalaatti kabajaa Ayyaana Waggaa 50ffaa WMT hirmaattoota fi Kessummotaaf walittidhufenya harawaa kan ume akkasumas sababni WMT bu‘urreffamef yaadachudhaan kaayyoo sanas hubachuudhaan Qabsoo Bilisummaa Oromoo ittifufudhaaf guyyaa waadaakenya kan ittin haaromsinu ta’u isaa wali galuudhaan milkiin xumurame jira.

 

Injifannoon Ummata Oromoof!

Tokkummaa Barattoota Oromoo Biyyaa Jarmanii-TBOJ

www.tboj.de



Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …