Oduu Haaraya

Gareen ADO (OPDO) haarayti biyya alatti hundoofte walgahii koo milkiin xumure jetti

Walgahiin Adda Demokiraatawaa Oromoo Munich Germany’tti gaggeeffame milkiin xumurame

Posted by ODF on Friday, June 14, 2013 · Leave a Comment

Germany_1Adda Demokiratawaa Oromoon yaamamee Munich German keessatti kan gaggeeffame walgahii Miseensota, Deeggarrtootaa fi hawaasa Oromoo milkiin xumuramuu isaa oduun achii nu ga’e addeesse.

Walgahii kana irrattis miseensotnii fi deeggartootni Adda Dimokiratawaa Oromoo biyyoota Awurophaa adda addaa, kan akka Norway, Swizerland, Holland, England, Sweeden, France fi magaalota German adda addaa irraa dhufanii kan qooda fudhatan yoo ta’u Hawaasni Oromoo Magaalaa Munich fi naannoo isaa jiraatanis baayyinaan argamanii walgahii kana irraa qooda fudhataniiru.
Walgahiin miseensota Adda Dimokiratawaa Oromoo sadarkaa Awuroophaa, Munich Germany’tti, Waxabajjii 7 bara 2013 gaggeeffame kun Addi Dimokiratawaa Oromoo akka dhaabaatti erga dhaabbatee booda Awurophatti kora isa jalqabaa ti. Waan ta’eefis, korri miseensotaa kun diiriirsa Caasaa ADO, Sagantaa Siyaasaa, Heeraa fi Seeraa fi akkasumas Mul’ata ADOn qabatee irratti hojjechaa jiru irratti gad fageenyaan mari’atee murtee adda addaa dabarsuun xumurachuun isaa hubatame.

Germany_2
Borumtii isaa Waxabajjii 8 bara 2013 Walgahii ummataa taasifame irrattis Pirezdantiin ADO obbo Leencoo Lataa fi Itti anaan isaanii Dr.Diimaa Nogoo dhalootaa fi imala Adda Dimokiratawaa Oromoo, akkasumas ADO dhaabota Biyya Ethiopia irraa maaltu adda akka isa taasisu irratti bal’inan ibsa kennan. Hirmaattota walgahichaa bakka adda addaa irraa afeeramanii dhufan keessaas kanneen akka Luba Dr. Tasgaraa Hirphoo, Dr. Jamal Abbaa Garoo fi kan biroonis dhimmoota adda addaa irratti haasaa taasisuun isaaniis hubatame.Germany_3

Ummanni walgahicharra tures, gaaffii fi yaada qabu of qusannaa tokko malee dhiheessuun mare bal’aan taasfamee walgahichi akeeka yaamameef guutuun milkiin xumuramuun isaa hubatame.

Wallisaa Ababee Abbashuus halkan sana waleelee warraaqsaa fi bo’aarsaan ummata gam- machiisaa turuun isaas oduun Germany irraa nu ga’e addeessee ibsa.

Guutummaa walgahii kanaa RBO tamsaasa Waxabajjii 12 bara 2013 darbe irraa dhaggeeffadhaa.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …