Oduu Haaraya

Godaanttota heraan alaa fi Motummaa Masrii

Hegeree Oromiyaa  Ebela 15/2015

Godaanttonni Ethiopia namni 19 qabamee harka Motummaa Masrii jiraachuun isaanii gabaafamee jira.

Akka gaazexaan Sagalee “Nubaa “
ja’amu ebela 15/2015 Waajjira Polisi Magaalaa Aswaan waabeyfachuun gabaasetti namonni kunneen dallalota isaan ofaa jiru lamaa waliin qabamu godaanttota kannenii ibsee jira.

Akka gabaasa gaazexaa kanaarraa hubachuun dandeyametti hundi namota qabamanii godaanttota warraa ethiopia tahuu ibsee biyya Masrii daangaa cabsani heraan ala seenu isaanitiif waajjira Polisi Magaalaa Aswaanitti qoratamaa jiraachuu isaanii ibsee jira.

Akkuma yaadatamuu ebela 12/2015 godaanttonni heraan alaa gara biyyota Awrophaa seenuuf oso imalaa jiranii namni 129 irraa namni 3 bishaaniitti du’anii 126 ammo Mana hidhaa biyya Masrii keysatti dararaa guddaa argaa jiraachuun isaanii ni yaadatamaa.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …