Oduu Haaraya
hiriira201608061

GUMAANNN WAREEGAMTOOTA OROMOO WALABUMMAA OROMIYAATIIN BAKKA BU’A!

 

Kabajamtoota lammiilee Oromiyaa falmaa haqa abbaa biyyummaa irra jiran maraaf.

Akkuma beekkamu falmaan FXG xumura bara 2015 dhoohe guyyaarraa gara guyyaatti cimuun guutuu Oromiyaa keessatti belbelaa jira. Gaaffiin ummata Oromoo gaffii sirrii kan ummata hunda ilaallatu tahuun isaa waan hubatameef gara ummattoota ollaa Oromiyaa hunddatti dambalii isaa dhangalaasaa jira.

Hata’uu malee gochaan hujii farrummaa shanhii keenya duguuguuf TPLF ummata keenyarratti hojjatu garmalee hammaataa dhufe. Keessumattuu gochaan badii torban kana keessa qeeyroo baha Oromiyaa Awwadaay irratti raawwatameef  gadda cimaa keessa jirra. Osoo tahuu kan falfannee irratti wareegamnu kun haqa keenya waan taheef ittiin boonna. Dhiiga lammiilee keenya guutuu Oromiyaa keessatti beneensa warra kaabaa agaammee tigraayiin dhangala’e hunda bilisummaa guutuufii Walabummaa Oromiyaa bakka buusuuf qabsoon keenya itti fufa. Dhalgalaun dhiiga lammiilee  keenyaa diinummaa sirna kanaa caalatti mul’isee qabsoo gamaataaf kan nuhiriirsu tahee jira. Kanaafiis hiriirri gamtaa kan biyyoolessa Oromiyaa akka waliigalaatti guutuu Oromiyaatti labsamee jira. Kanaaf ummanni keenya haga guyyaa murame kanaatti labsa waliif dabarsuufii yeroo guyyaan gahettis tooftaafii tarsimoo filatame hordofuun dhaadannoolee qopheeffatan qabatanii walfaana hiriiruun akkaan barbaachisaadha. Guyyaa tokkicha, Za’aa fii daqiiqaa walfakkatu keessatti guutuun ummata Oromiyaa bakka takkaa hiriiruun galaana humna diinaa maagaddatti deebisnee dadhabsiisuuf hedduu kan nugargaaru taha. Dhageeytii sagalee keenyaafiis bu’aa guddaa qabaata. Lubbuu turtuus, Sodaannee teenyuus du’a hinoolleef qaawa walitti banuun xurii seenaa nutti taha.  Kana ta’uu hubannee ganddarraa haga kutaaleetti sochii walfakkaataafii cufamaa taheen wal utubuun dirqama lammiilee Oromiyaa maraati.Carraa kanaan hojjattoota mootummaa, poolisiin, hidhattonni gandaa hundi ummata isaanii faana akka hiriiran dhaamsa lammummaa dabarfanna. Kanneen ummata irraa dhalatan buruus isaan awwaalu bira dhaabbachuu dabbuuniis yoo jiraate diina waliin dhaabbatanii  saba isaanii ajjeesuu irraa dhaabuu akkaan barbaachisaadha .

Gumaan wareegamtoota keenyaa walabummaa oromiyaa akka ta’u fedhii waaqaatiin hin shakkinu.

Gootowwan wareegamaniif jannata, kan madaawniif fayyaa shaffisaa, maatii isaaniitiif jajjabina, Biyya teenya Oromiyaaf Walabummaa guutuu hawwina .

TOKKUMMAN HUMNA!

OROMIYAAN NIWALABOOMTI!

August 2/8/2016

Raajii Birmajii

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …