Oduu Haaraya

Guyyaa Yaadannoo Gootota Oromoo sirna hoo’an magalaa Nürnburg Kabajame

tboj.de

Guyyaa kabajamaa fi ulfaata guyyaa gootota oromoo gaafa caamsa 9/05/2015 biyya jarman magaala Nurnbergitti haala hoo’aan kabajamee ooleejira.guyyaa kanarratti Keessummootni adda adda kan afeeramanii yemmu ta’u, saganticha akka Aadaa Oromoootti eebbaa Manguddoota Oromoon jalqabamee duungoo qabsiisuudhaan akkasumas faaruun alaaba oromoo erga faarfamee booda gootota wareegamaniif daqiiqaa lamaaf[2] yadannee jirra. Itti aansuudhaan, kabajaa guyyaa goota oromoo ilaalchise Jaal Harun Kalil Bati barumsa fi ibsa bal’aa miseensoota TBOJ fi hawaasa oromootiif kennani jiru.akkasumas walaloon adda addaa fi barumsi bal’aan kennamee bifa hoo’aan kabajamee oolee jira.

Ummanni Oromoo dhuma jarraa 19thtti garboomuu didu’uudhaan wereegama inni kafallee irraatti hundaayyee biyya isaa humnaan irraa fudhaatamee garboomee, deefattee bilisoommuu qabaa jedhee falmii hadhooftuu keessaa darbaature har’as itti jira. Ummanni Oromoo diina meeshaa ammayyaa hidhatee itti dulee eeboo fi gaacheena qofaan loluudhaan ofii irraa ittisaa akka turee seenaa loloota diddaa garbummaa Oromoota Wolloo, Macaa, Tulaamaa, Arsii fi humbanna[baale] yaadatuun ni gayaa. Gootonni akaakilee fi abaabilee keennaa ka mooyamaan gootuummaan loluu dhabanii osoo hintaane, ol’aantumma meeshaa ammayyaatiin qofa akka ta’e seenaan ragaadha. Haa ta’u malee, guyyaa garbummaa jalatti kufee hanga guyyaa ardhaatti ummanni Oromoo biyya humnaan saamaamee, humnaan deefatuuf qabsoo bilisummaa godhaa jira.

Gabroomfatootni ummata Oromoo cabsuun ol aantummaa fi sirna Kolonii Oromiyaa fi Oromoo irratti diriirsuuf milkaa’an iyyuu ummatni Oromoo gabrummaa irratti fe’ame fudhatee tole jedhee jalatti hin bulle. Walabummaa fi bilisummaa humna qawween irraa sarbame deebifatuuf wareegama baasaa har’a gahe. Wareegamni gosa hundaa baasaa jirus ummata Oromoo irraa kan dhaabbatu guyyaa mirgi isaa guutummaatti dhugoomee dhimma isaa irratti ofii murteessee qofa dha. kanaaf ibsa ejjannoo keenya akka armaan gaditti dabarfanna.

 

  1. Mooraa qabsoo Oromoo shorkessuuf aggaammii diinonni keenya yeroo ammaa bifa hundaan duulaa jiran jabinaan dura ni dhaabbanna. Mooraa Oromummaa kan yeroo kamuu caalaatti jabeessuuf gurmuu Oromoo fi Oromummaa naannoo keenyatti bifa hundaan itichuuf waan dandeenyu hundaan hawaasa keenya waliin wal tahuudhaan waan dandeenyu hunaan diina keenya dura ni dhaabanna.
  2. Dhugaa saba keenya Oromoo fi biyya kenya Oromiyaa hawaasa keessa jiraannu, hawaasa jarman hubachiisuu fi mararfannoo qabsoo bilisummaa saba keenyaaf walii wajjiin taanee diina keenya akka dura dhabbannu waamicha keenya dabarsina
  3. Qabsoo Bilsummaa saba keenyaa diangdee fi dandeettii qabnu hundaan tumsuuf ,akkasumas wareegama nubarbachisu hunda baasuuf qophii tahuu keenya ni dabarfanna.
  4. Jaarmayaa jabaa fi gurmuu itite qabaachuun sochii qabsoof murteessaa Waan taheef jarmayoonni oromoo walitti deebi’anii mooraa qabsoo oromoo akka jabeessan waamicha keenya dabarfanna.
  5. Deeminsa Qabsoo Bilisummaa Oromoo hanaga har’aa gaggeessamaa jiru keessatti qoodni fi wareegamni hawwan fi shamarran Oromoo taasisan bakka guddoo kan qabuu dha. Oromtittiin lafee- dugdaa qabsichaa ti jechuun ni danda’ama. Kanaaf, jaarmayaa dubartootaa dagaagsuu fi hirmanna isaanii guddisuuf bifa nuuf danda’amu hundaan ni hojjetna.
  6. Oromoo qabsoo isaa irraa dagachiisuuf, hamilee cabsuuf warreen shororka uumuuf yaalan dura ni dhaabbanna.
  7. Jarmiyaaleen siyaasaa Oromoo kamiyyuu diina qeerroo Oromoo dhabamsiisuuf ka’e dura dhaabbannee mirgaa fi dimokiraasii uummata Oromoo akka mirkaneessinu kabajaan isin gaafatna

 

 

Injifannoo Ummata Oromoof!

Gadaan Gadaa bilisummaati!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …