Oduu Haaraya

Hanan Elemo Qilxu Support Fund

hanaan elemoo

Torban kana Qaanqee Show oduu gama tokkoon nama gammachiisee gama kaaniin nama gaddisiisuu dhageesisee jira.  Innis Hanan Elemo Qilxu fi Abdulkarim Elemo Qilxuu biyya Yemen keessa rakkina irra jiraachuu isaaniiti.  Gootni Oromo guddichi ilmaan qabaachuu dhagawuun nama gammachiisa.  Gama kaaniin rakkina keessa jiraachuun isaanii nama gadisiisa.  Gargaarsa barbaachisu godhuufii dhaaf koreen qindeesituu qindaawee jira.  Koreen kun waa lama irratti hojjeta.  Inni jalqabaa rakkina keessaa dandamachiisuudhaaf gargaarsa maallaqaa lammiiwwan Oromiyaa ala jiraatan irraa fuunanee biraan gawuudha.  Kan lammataa ammoo biyya nagaa hin qabne sana keessaa bahanii bakka nagaan jirachuu danda’an qubachiisuuf yaalii barbaachisu godhuu dha.  Kanaaf maaloo,  hatataman, arjoominaan ha birmannu. 

Koree Qindeesitu

(Dr. Mohammed Hassen, Dr. Solomon Ungashe, Elemo Ali, Elias Ibsa fi Damsho Ali)

Check Also

olla

Oromo Communities and OLLAA Thank Special Envoy of the Horn of Africa, Ambassador Mike Hammer

The U.S. Special Envoy met with the Oromo communities of Los Angeles and Southern California …