Oduu Haaraya

Hangafni Artistoota Oromoo Dr. Kabajaa Artist Alii Birraa biyya irraa hin galetti godaane.

INNAA LILLAAHI WA INNAA ILEEYHI RAAJI’UUN

Anis Biyyaan Qabaa

Biyya Biyya Caaltuu

Biyyatoo Oromiyaa

Tan Uumaan Badhaatuu…..

Qabsoo Ummata Oromoo keessatti waan Alii Birraan Gumaache himanii fixuun nama dhiba.

Eenyumtuu gara irraa dhufetti deebi’uun waan hin oolleef gara hin oolamne nurraa deeme.

Artist Alii Birraa yeroo dheeraaf dhibamee, Magaalaa Adaamaa Hospitaala Adaamaa Jeneraalitti wal’aanamaa erga tureen booda, har’a lubbuun darbuun isaa mirkanaa’eera

Dr. Kabajaa Artist Alii Birraa, Umurii ijoollummaa irraa eegalee nama ganna 50 oliif guddina aartii Oromootiif shoora hundaa olii nama bahedha. Kana malees Aartiidhaan dhaloota dammaqsuun nama falmaa bilisummaa Ummanni Oromoo bifa garaagaraan taasisaa ture keessatti qooda seenaan hin daganne gumaachedha.

ali birraa

Gaaddisa Aartii Oromoo, Falmaa bilisummaa fi Walqixxummaa dhala nama kan tahe Dr. Kabajaa Artist Alii Birraa du’aan of biraa dhabuu keenyaan gadda nutti dhagahame ibsaa, Maatii, Firoota, Jaallattootaa fi Dinqisiifattootaa isaa, akkasumas Ummata Oromoo maraaf jajjabina hawwina.

alii gaafa joollee

Check Also

baqqalaa gabraa

Obbo Baqqalaa Garbaa biyya aambaatti hafuufi hooggansummaa KFO’s gad-dhiise

Baroota dheeraaf karaa dhaabaa fi dhuunfaan siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmannaa godhaniin kan beekaman Dura taa’aa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *