Oduu Haaraya

Hawaasni Oromoo Keenyaa Basaasoota Saaxile

(Oromedia, 22 Waxabajjii 2015) Hawaasa Oromoo biyya isaanii Oromiyaa irraa baqatanii Keeniyaa keessa baqattummaan jiraatan irratti shirri aggaammatame akka fashale ibsame.
Oduun Naayiroobii irraa nu gahe akka addeessetti, hawaasti Oromoo Naayiroobii Wxabajjii 13 irraa eegalanii duula gaggeessaniin basaasota mootummaa Itoophiyaa lama qabanii mootummaa Keeniyaaeetti kennaniiru.

Akka oduun kun ibsutti, basaasoti kunneen hawaasa Oromoo fakkaachuun kanneen hojii diigumsaa raawwachaa turanii dha. ” Basaasoti kunneen akka baqattooti qabamanii biyya keessatti deebifaman dhoksaadhaan karaa addaddaa hojjachaa turan,” kan jedhe maddi keenya, haalli kunis jabina hawaasaatiin irratti dammaqamee saaxilamuu danda’uu isa ahuabchiise.

Miseensi Koree Bulchiinsa Hawaasaa Gaaffii fi deebii Oromedia waliin godhan keessattis akkak mirkaneessanitti, mootumaman Itoophiyaa gurmuu fi jaarmiyaa hawaasaa diiguuf shira olaanaa gaggeessee ture.

Haata’uutii jabina hawaasichaatiin kanneen ergama diinaa baatanii hawaasatti dhufan lama to’annaa jala oolchuun poolisiitti kennuu isaanii addeessan. Akaksumas, kaan illee bakka jiranitti waan saaxilamniif yeroo ammaa balaan aggaammatamee ture irra aanamaa akka jiru miseensi Koree Hawasa Oromoo addeessaniiru.

Miseensi Koree Hawaasa Oromoo kun dabalanii akka ibsanitti, hawaasti Oromoo bakka jirutti walta’ee loote galtuu of keessaa baasuu fi walii isaa tiksuu irratti hojajchuun irraa eegama.

Kana malees, rakkoo garbummaa saba keenya biyya irraa buqqisaa jiru irra aanuuf jabina jaarmiyaa fi tokkummaa hawaasaa eeguu irratti birmannaan akka feesisu dhaamsa dabarsanii jiru.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …