Oduu Haaraya

Hawaasnii Oromoo Noorweey hirrira mormii godhan.

Gabaasa kiyyaa Gonfaa tiin

Hirrira nagaa biyya Norway magaalaa Oslo keessatti gaafa guyyaa 16 october 2014 gaggefamee jiraa.hirrira nagaa kana irratti lammii oromoo tahaan heedduu magaalaa addaa addaa irraa kan waliitti qabaman yeroo ta`uu,motuumaan Norway “INVASTIMANTII“ ilaalchisee marii adeemsiisuf miniistera dhimma alaa Ethiopia Tewdros Adhanom gara biyya Norway afeeramuu walqabateetti hirriri nagaan kun kan adeemsifamee.

Motuumaan TPLF ajjeechaa,hiidhaa fii dhibbaa ummata oromoo irratti raawwachaa jiruu yeroo irraa yerootti haammaachaa kan dhufee yemmuu tahuu haawwaasnii addunyaa fii motuumaan Norway qarqaarsa motuumaa Etiyoophiyaatif keenaa jiruu akka dhaabuu fii dursa mirgii dhalii namaa biyyatti keessati kabajamuu akka qabuu ormooni hirrira nagaa irratti hirmaatan dhaadhannoo isaanii irratii dhaggeesisanii jiruu.

Orommumaan yeroo ammaa ilaalcha wayyaanetiin yakka tahaa dhufaatti jiraa.Hoggannonii TPLF gaafii mirgaa ummata ballaa irraa ka`aa jiruu deebbisuuf feedhii takka illee akka hin qabnee waggoota 23 keessatti dhifatti agarsiisanii jiruu.ummanii Oromoo sirnoota darban keessatti cunqurfama irratti raawwatamaa tuure qabsoo isaatiin mirgoota isaa haanga tahee haa kabajsiisuu malle haarras taanan mirgaa irraa sarbamee deebisisuufi karaa addaa addaatin qabsoo itti fuufinsa keessa jiraa.qabsoo kana keessaa immoo karaa nagaattin mirga ofii gaafachuu ossoo tahuu adeemsa kana keessatti obboollewwan keenyaa heedduu wareeggama guddaa kafalanii darbanii jiruu.dhiyyoo kana baratoota oromoo irratti gahee akka fakkeenyaa guddaa fudhachuu dandeenyaa.

Jaarmiyyaawwan mirga dhala namaaf dhaabbatan kan akkaa #Human rights watch #Amnesty International fi #State Department gabaasa isaanii irratti Ethiopia keessatti namnii ilaalcha addaa qabuu tarkaanfiin inni eggatuu ajjeechaa ykn immoo mana hiidhaati darbamuu tahuu issaa gabaasu isaanii ni beekamaa,ummani oromoo seera motuumaa osso hincabsiin karaa nagaatiin mirga ofii gaafachaa kan tuure dha,haata`uutti deebin mootumaa TPLF rasaasaa gara ummataatti dhukkaasuu fii ummata nagaa ajjeesuu dha.jaarmiyaawwan kuun biyyatti keessatti sarbamu mirga dhala namaa abbaa hirree motuumaa wayyaaneetin raawwatamaa jiruu ifatti baasudhaan addunyaan guutu akka beeku goodhani jiruu.

Haawwaasnii Oromoo Norway lammiiwwan keenyaa sagaleen isaanii dhukaamfameef sagalee tahuudhaan hirrira nagaa qoophaa`ee irratti dhaadhanoo addaa addaa dhaggeesisaa olaniiru.

 

Dhaadhannoo dhaga`aaman keessaa:-

-Human rights Befor INVESTMENT

-TPLF respect human rights

-STOP land grabbing in OROMIA

-Tewdros Adhanom to ICC

-Norway stop supporting the dictatorial regime

-Killing Oromos Never stop the Oromo struggle

-Justice for massacred oromo students

-STOP eviction of oromo farmers in the name of DEVELOPMENT

-TPLF regime is corrupt……etc

 

 

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …