Oduu Haaraya

Iyyaa iyya dabarsaa! Wallistuu Oromoo jalatamtuu fii beekkamtuun Aaddee Haliimaa Daawwee dhukkubsattee sireerra jirti…dirmaadhaaf!!

.Na gargaaraa Adaraa!!!

Yeroo Dargaggummaa koo
Gaafa humni koo jirtu
Gaafa Lammiin Oromoo
Afaan sheetti qaanoftu
Harargee qaxxaamuree
Jimmaaf Aggaaroon ba’ee
Shawaa keessa Imalee
Baaleef Arsii Naanna’ee
Boorana irra jiraadhee
Wallagga waliin ga’ee
Aadaa keenya Guddisuuf
yeroos waan baayyeen ta’e.
har’a aadaa keessaniin
dhugaan akka boontaniif
Afaan keessan jaallachuun
akka ittiin dubbattaniif
gaafa Dargaggummaa koo
waan hunda carraaqeeraa
yeroo koo aarsaa godhee
akka dungoo copheeraa.
har’a humni koo dhumee
dhukkubnis natti duultee
akkan hin carraaqqannef
sireetti na galchitee
dhaabbachuus hin danda’u
Jilbi kiyya Laafeeraa
Godoo jireenya koottis
Dukkanni na dhaaleeraa.
Lammii koo isin malee
abdii biraas hin qabu
nan beeka Sabni kiyya
na gargaaruu hin dadhabu.
Harka kiyya diriirsee
Gargaarsa eegaan jiraa
Osoo Lubbuun koo jirtuu
na gargaaraa adaraa!!!

Weellistuu Haloo Daawwee!!!

kanneen gargaaruu feetan Lakkoofsa mana Baankii:-

Baankii Internaashinaalii Oromiyaa Damee Magaalaa-152154955 ykn
Baankii daldala Itoopiyaa Damee Magaalaa-1000063900568.

Bilbiluus yoo feetan 0937513560 irratti bilbiluu dhaan karaa Ilma ishee Guutamaa argachuu ni dandeessu!!

“Lammiin Gaaddisa Waliiti!!

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …