Hiriira Mormii Amboo Keessaa Irratti Namoonni Ajjeesaman, Gamooleen Gubatan, Jedhu - Jiraattonni | Bilisummaa Online
Oduu Haaraya

Hiriira Mormii Amboo Keessaa Irratti Namoonni Ajjeesaman, Gamooleen Gubatan, Jedhu – Jiraattonni

Namoo Daandii

 — Kanneen bulchiisa naannoo Oromiyaa keessatti argaman manneen barnootaa sadarkaa ol’aanaa fi sadarkaa lammaa, walumaa-galatti 11 keessatti hiriirri mormii barattootaa akka babal’atee geggeessamaa jiru namoonni ijaan argan Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jira

Har’a Shawaa Dhihaa, magaalaa Amboo keessatti hiriira mormii geggeessame irratti yoo xiqqaate namoonni ja’a du’uu fi ka biroo hedduun madaa’uu Koongiresni Federaalistii Oromoo gabaasaa VOAf ibsee jira.

Lubbuu namootaa har’a Ambootti dhabamee ala biilsaaleen sadii gubachuu isaanii, namoonni ijaan argan, telefoonaan, Raadiyyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran.

Waa’ee hiriirawwan mormii Oromiyaa keessatti geggeessamaa jiruu fi walitti-bu’insoota itti fufanii uumaman ilaalchisee, mootummaa Bulchiisa Naannoo Oromiyaa fi Mootummaa Federaalaa irraa ibsi haga ammaatti kenname hin jiru.

Guutummaa gaaffii fi deebii kanaa dhaggeeffadhaa

Check Also

toophiyaa 21

Reactions to the Ethiopian conflict

In a sign of growing concern in Washington about the Civil War in Ethiopia, the …