Oduu Haaraya

Hiriira Mormiif Deebiin Mootummaa Reebicha, Rasaasaa fi Hidhaa Tahe, Jedhu Jiraattonni

Hiriira mormii baatii Sadaasa keessa Oromiyaa keessatti jalqabee haga ammaatti itti fufee jiru irratti tarkaanfiin humnoota mootummaan fudhatamaa jiru, gaddaa fi yaaddoo guddaa uumuu isaa dubbatu – jiraattonni magaalaalee adda addaa.

Magaalaa addaa Oromiyaa, Buraayyuu keessa kanneen jiran, mana-barnootaa sadarkaa lammaffaa fi mana-barnootaa qophaa’inaatti barattoonni baratan kaleessa hiriira mormii ba’uu isaanii fi humnoonni mootummaa itti bobba’ee reebichaan addaan facaasuu isaanii, jiraattonni magaalatti Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jira.

Wallaggaa Bahaatti kan argamtu, aanaa Giddaa Ayyaanaa, magaalaa Ayyaanaa keessattis akkasuma barattoonni Mana-barnootaa sadarkaa lammaa fi Mana-barnootaa Qophaa’inaa, akkasumas, ka sadarkaffaa tokkoffaa kaleessa hiriira mormii ba’uu isaanii irraa kan ka’e, humnootiin mootummaa barattootaa fi warreen isaanii ijoollee barbaacha deeman reebuu fi hidhuu isaanii dubbatu – barattoonnii fi jiraattonni.

Wallaggaa Lixaa, magaalaa Gimbiitti dhihootti kan argamtu – magaalaa xiqqoo – Gambeelaa jedhamtu keessatti garuu, otuu hiriirri mormii tokko illee hin geggeessamiin, humnoonni mootumma manneen jiraattootaatti cabsanii seenuudhaan reebicha geggeessu – jechuudhaan, jiraattonni magaalattii iyyataa jiran. Dargaggoon koolejii xumuratee mana warra isaa jiru, miillaa fi harka isaa irra rasaasaan dhawamee kan Hospitaala Gimbiitti wal’aanamaa jiru ta’uu illee dubbatu.

Guutuu waayee kanaa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …