Oduu Haaraya

Jechoota Hayyootaa‬!!­!

Jajjabee Biyya keessaa

~ Hiyyeessa jechuun nama qarshii hiyyoome osoo hin taane, nama sammuu hiyyoomeedha!
~ Beekaa jechuun nama dogoggora ufii ufitti beekee, irraa sirraa’eedha!
~ Lukaan qixxeessuuf kophee muran malee, kopheen qixxeessuuf luka hin muran!
~ Moo’uu jechuun 1ffaa bahuu qofa osoo hin taane, jijjiiramas agarsiisuudha!
~ Barachuu jechuun barumsa keessa darbuu osoo hin taane, barumsi nama keessa darbuudha!
~ Barumsa barattee yoo qoramtu, jireenya immoo qoramtee baratta!
~ Nama si sobu wajjiin gammaddee kolfuu, irra nama dhugaa sitti hinu wajjiin gadditee boohuu si wayya!
~ Namni carraa gaarii qabu osoo bishaan galaana keessatti darbanii yyuu, Qurxummii afanitti qabatee keessaa baha!
~ Obsi guddaan dhagaa yoo affeelu, aariin xinnoon bishaan bobeessiti!
~ Yeroo tokko tokko gammachuun guyyaa tokkoo, gadda waggaa tokkootti jijjiirama!
~ Nama kabajuun mallattoo sodaa ykn lugnummaa osoo hin taane, bilchina sammuu fi dandeettii fageessanii yaaduuti!
~ Jireenya kee fooyyessuudhaaf yaaliidhaan shaakala ati taasiftu keessatti kufaatiiwwan si muudatan kufaatii osoo hin taane, akeektuu galma gahiinsa yaalii keetiiti!
~ Addunyaa tan irratti Harreen akka namaatti yaadu jiraatuu baatus, namni akka harreetti yaadu hin dhabamu!
~ Akka addunyaatti yaadii, akka naannootti hojjadhu!
~ Dhalli namaa wanta haara argannoodhaan yoo uumu (kalaqu) kan nama gammachiisu yoo ta’u, garuu ufii isaatii uumamuu (kalaqamuu) yoo irraaffatu immoo kan nama gaddisiisuudha!
~ Kan nama qaanessu ba’aa guddaa sammuu irratti baachuu osoo hin taane, sammuu hin yaanne baachuudha!
~ Yoo rakkoon wahii si muudate rakkoo si muudate saniif yaaduu osoo hin taane, akkaataa rakkoo si muudate san keessaa itti baatu yaaduu qabda!
~ Osoo dhugaan kophee hin godhatin, dharti addunyaa naannofti!
~ Mucucaattee dugdaan yoo kufte balleessaan kee ta’uu kan hin dandeenye yoo ta’u, balleessaan kee ta’uu kan danda’u kuftee yoo achitti hafteedha!
¤ Wal beekuu irra, walii beekuu wayya!
~ Bishaan kadhaan argame dheebuu nama hin baasu!
~ Sareen yeroo hunda duttu akka hin birmanneef uf gooti!
~ Kan nama nyaatu dukkana osoo hin taane, wanta dukkana keessa jiruudha!
~ Irra caalatti kan dinqisiifatamuu qabu namoota addeessa irra qophatan osoo hin taane, namoota akkaataa isan addeessa irra ittiin qophatan barsiisaniidha!
~ Addunyaan tun sirraa waan tokko eegdi waan ta’eef, waan gaarii tokko hojjadhu!
~ Kaayyoo ufii galmaan gahachuuf dhama’uun har’aaf dhandhamni isaa kuraawaadha malee, boru firii fi dhandhamni isaa mi’aawaadha!
~ Nama shakkitu hin mindeessin, yoo mindeessite hin shakkin!
~ Wanti calaqqisu hundi, warqii sitti hin fakkaatin!
~ Jiraachuuf nyaadhu malee, nyaachuuf hin jiraatin!
~ Waggatti jiruu dabali malee, jiruutti waggaa hin dabalin!
~ Riqicha muka tokkoo irra osoo hin bahin dura, gorora takka liqimsi!
~ Balbalti carraa takka yoo si jalaa cufamte yoo ati abdii kutuu dhabde, tan biraa siif banamti!
~ Gatii yeroo beekuu yoo barbaadde, atileetii maaykiroo sekondii tokkoof moo’amee badhaasa meedaaliyaa warqii dhabe gaafadhu!
~ Bu’aa qabxii baruu yoo feete, barataa qabxii 0.5niif qormaata kufe haasofsiisi!
~ Aangoo qubaan si filaniin uf hin tuulin, qubaan irraa si buusaniitii!
~ Beekkumsa qabduun hin boonin, kan si caala beeku heddutu jiraatii!
~ Namni an beekaadhaa ufiin jedhu, wallaalaan akka isaa hin jiru!
~ Hanga dandeettetti bara baraan jireenya kee jijjiiri malee, akka barri wal sitti hin jijjiirre!
~ Barcumaa fi kabaja abbatu uf jalaan deema!
~ Bara rakkoo bishaantu muka namatti kora!
~ Waan garaan namaa baatu, Wadalli Harree hin baatu!
~ Lafa fardi sangaan hin jirre, maxaanatu itti arreeda!
~ Kan ati jechuu qabdu biyyi too maal naa goote jechuu osoo hin taane, an biyya kootiif maal godhe jechuu qabda!
~ Baay’ee haasahuu irra, baay’ee dhageeffachuu filadhu!
~ Hojii guddaa karoorfame irra, hojii xinnoo hojjatametu caala!
~ Bara jireenyaa kee keessatti yeroo dheeraa taa’umsaan dabarsitu irra, yeroo gabaabduu hojiin dabarsitutu bu’aa guddaa siif qaba!
~ Namni sabbata godhatanii mul’itti hidhatan, Bofa namatti ta’ee nama hidda!
~ Akkuma jaalalli jiru jibbis jira waan ta’eef, icciitii yeroo jaalalaa haasoftan yeroo jibbaa haasahuun wallaalummaadha!
~ Jaalalli dhugaa fageenya karaatiin hin daangeffamu!
~ Jaalalli dhugaa furtuu jireenyati!
~ Jaalalli dhugaa ibsaa addunyaa fi gaaddisa jiruuti!
~ Nama jaalalli dhugaa kuffiseef, guulli harkisa lafaa itti hin gaafatamu!
~ Dhiira qawweef hin jilbiiffannetu, jaalala dhugaatiif jilbiiffata!
~ Yoo nama taate fedhii keetiif osoo hin taane, kaayyoo keetiif dursa kenni!
* Waa dubbiftaniif, galata guddaa qabdu!!!
‪#‎GALATOOMAA!!!

¤ Beekumsi Keenya, Lammii Keenyaaf Haa Ta’u!!!

Check Also

usmaayyoo muussaa

Yaadannoo artist Usmaayyoo Muussaa

Sagantaan yaadannoo Artist Usmaayyoo Muussaa magaalaa Finfinnee Hoteela ILILI INTERNATIONAL tti torbaan dhufu ni qophaawa. …