Oduu Haaraya
jogola

JOGOLA HARARIIFI GANDA OROMOO:

 

Magaala Harar keessa dur naannoo bara 1875 – 1885! Saba lakkooysaan xiqqaa tahe warra “Geey” Ykn Adaree ja’aamu jogola keessa qofa jiraachaa ture. Jogola gama alaatiin sabni Oromoo akka jiraachaa turee fi akkuma suuraa irratti argitan kana manneen Oromoo naannoo jogolaa marsee akka jiraatu ragaa hedduu jira.

Arraa garuu Adareen lafa Oromoo mara dhunfattee Naannoo Hararii jedhamuun akka Naannootti moggaafamtee dangaa isaanii lafa Oromoo irratti babal’ifachaa jiran. Naannoon Hararii wayta ammaa bahaan Erar dabartee gara Baabbilee dhihaattee jirti. Lixaan Hammarreessa dabartee Aawwaday gahaa jirti. Kaabaan immoo Dirree Xayyaaraa dabartee Biiftuu gahaa jirti. Akkasumaas gara Kibbaatiin Haakim qaxxaamurtee Fadisitti dhihaachaa jirti.
(Photo: FB Oromo Graphya)

Check Also

aafrikaa kibbaa

The Story Of Oromo Slaves Bound For Arabia Who Were Brought To South Africa

Author: Fred Morton (MENAFN– The Conversation) In September 1888, the HMS Osprey serving in the …