Oduu Haaraya

Maaratoon fiige moo Kubbaadha taphate?

By: Munawar Ahmed Siraj

Maaratoon fiige moo
Kubbaadha taphate?
Bishaan daakeeti moo
Darbannaan moohate?,
Maali sababni Hagos illee
Geeba itti fudhate?

Har’a dhugaan hafee
Cubbuun kabajamee,
Miidhamaan yakkamee
yakkamaan faarfamee
Baga balleessiteef
Geebni badhaafame.

Dubbii bara kanaa
Oromoon hubatee,
Ofumaa wal kabee
Wal daddagalfatee
“Lammiin lammiidhaaf”
Dhaadannoo godhatee
Bahaa fi dhihatti
Wal bira dhaabbatee
Shira alagaadhaa
Xiqqo dandamate.

Nurraa hin dhukanne
Hojiin itti jirtan,
Ajaja waliitin
Lammii teenya fixxan
Ar’a gammachuudhaan
Geeba waliif hirtan.

Kun tuffiidha malee
Jibba qofaa miti,
#Lammaa afeeranii
Biyya Affaaritti
Hagoos illee balaa
Badhaasan duratti,
Hojiin wayyaanotaa
Garaa nama gubdi.

Check Also

marroo dirribsaa

Walwaraansi Toophiyaa bara 2019 irraa jalqabee Oromiyaa keessatti akkuma itti fufetti jira

Waraanni Itoophiyaa gara kaabaa naannoo Tigraay dhumatus waaraanni Oromiyaa itti fufee jira jedhame. Qorataan dhimma