Oduu Haaraya

Kaabajamtotaa ilmaan Oromoo biiyyotaa gara gara keessaa jirattan hundaaf !!!

Dhamsii keenyaa rakkoo ulfaata ilmaan Oromo biyyaa Masrii ykn Egypt mudatee jiruu qubaa qabdaniis ni hubattan jennee yadna. Akkuma beekkamuu ilmaan Oromoo akkumaa biyyota gara gara kessaa baqatanii jiratan biyya Egypt kessaas baqatanii jiruu. Yeroo amma hala umaameen rakkoo ulfataa keessaa gallee jirraa. Sababnii hiidha laga abbayyaa motumman Wayyanee hiidhaa jiruu ilaalchisee umannii biyya maqaa Itoophiyaa jeedhun nuu fixuuf halaa ulfata fi nama gaddisisuu keessaa jirra. Dhimmaa kana ilaalchisee baqaatonnii Oromoo tokkuummaan wal qabatanii hirirraa nagayaa bahanii jiruu. Hiriiraa kanas balbalaa UNHCR durattii bahanii guyyootaa 24 dandii gubbaa cisaa jiru. Kun kanaan oso jiruu yeroo amma umannii biyyaa motummaa isanii ofirraa fonqolchuf jalqabanii jiruu nutis rakkoo kana kessaa akka midhamnuu sodaa wan qabnuuf balbalaa UNHCR duraa jirraa gara demnus hin qabnuu. Kanafuu dhamsii keenyaa yaa ilmaan Oromoo bakka jirtanii akka nuf iyyitaani fi gargarsaa hatattamaa akka nu gotaan isiin gafannaa.

Gargaarsa ciimaa nu barbachissaa hiriiraa kana akka male jabaannee jirraa rakkoo Oromoo addunyattii ibsuuf hangaa sadarkaa motummattii iyyaa jirraa ammaas akka addaatin irraatti xiyyeefacha jirra toofta haarawaan. Garuu wan ittiin iyyaannuu fi fandii (fund) ykn horii wan hin qabneef sosso’uu dadhabnee. Baqattonnii bay’een raakkatanii wan nyaatan dhabuun rakkinaa ulfataa keessaa jiran. Kanafuu yaa ilmaan Oromoo kan nuu gargaruu dandessaan nu cina dhaabadhaa lubbuu obollawwan keessan, dhigaa keessaanii nuu baarara isinin jennaa. Ibsaa dabalataaf fi gargarsaa nu gargaruu barbaddaniif

  1. Dura ta’a Caaya Tokkumma Baqattoota Oromo Biyya Masrii obboo Mohammed Mohammed Zain tel.+201117197973
  2. Qindeessaa dhiimma wali gala Abdulkadir Gumii tel +201112713537 qunnamuun akka nuf birmattaan kabajaa fi jalalaa lammummaa isin gafannaa !!!

Galatomaa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …