Oduu Haaraya

Qabsoon Oromoo Tokko… Qabsaawonni isaa garuu adda kudha tokko!

Komataa Sabaa 

Lammii Afrikaa Kibbaati. Luuba beekamaa, qabsoo hodhooftuu gurraachi Afrikaa kibbaa cunqursaa warra adii jalaa bahuuf taasise keessatti nama qooda guddaa taphate. Dismoondi Tuuttuu. Luubni kun yeroo tokko biyya Ameerikaa keessatti walgahii guddaa tokko irratti carraa argamee haasaa taasisuu argatee ture. Haasaa dheeraa inni godhe keessaa ani barruu gabaabduu armaan gadiif dhadhaabbata naaf ta’a kanan jedhe fudheera. Barruun Tuuttuu itti seensa barruu kiyyaaf miiltoo naaf ta’aaf malee seenaa isaa barreessuuf yaadeen miti.

“Nama tokootu hallayyaarraa kufee osoo qilee hin buune gidduutti muka wayiitti rarra’ee hafe. Lubbuun kokkeetti isa ejjitee gargaarsaaf akka namni isaa dhaqqabu iyyee wawwaate. Namni iyya isaa dhagahee birmannaaf isaa dhaqqabe garuu naannoo sana hin turre. Haata’uutii sagaleen adda ta’e tokko nama kanatti hin mul’anne hallayyaa sana gamaa gamanatti gogoosee gurra isaa bu’e. Sagalee Waaqaati. ‘ ani Waaqa waan hundaa uume, kan waa hundaa gochuufis humna qabu dha. Yaa mucaakoo na amantaa sin oolcha’ jedhee gaafate. Eeyyeen yaa Waaqi sin amana na ooshi jedhee bohe namni rarra’ee qilee ofii gadittti ilaalaa lubbuun isa guraaraa jirtus. Waaqnis, ‘hayyee egaa na amanta taanaan muka qabattee jirtu san gadhiisii anatu osoo ati kuftee goda hin geenye harka bal’isii siqolata’ ittiin jedhe. Namni rakkoo keessa jiru kunis maal yaa Waaqaa si argaa hin jiru akkamiinan si amanee muka lubbuu na oolchee jiru kana gadhiisee na oolchita jedhee si abdadha jedhee muka sana daranuu jabeessee qabate. Yaa Waaqaa yoo ni dandeessa taate nattu mul’adhuutii si argee sitti amanee akkan harkakeetti of gadhiisu nagargaar, kanaachii muka kanatu sirra naaf wayya jedhee namni kun sagalee kadhannaa Waaqa garaa nyaatuun kadhate. Waaqa ijaan hin argine caalaa muka ijaan argee harkaan qabatee jiruttis abdatee ciniinnatee itti rarra’e.’’ Jedha ture haasaan luuba Tuuttuu yeroo sanaa gabaabumatti. Dismoondi Tuuttuun yeroo san waan kana jedhaniifii qabu turan. Animmoo amma waa jechuufan haasaa isaanii ciqlifadhe.

Qabsoon Bilisummaa Oromoo dhaalaa kallacha qabsoo Oromootaa kan ta’e, Adda Bilisummaa Oromoon gaggeeffamu, bakka kaleessa itti faca’erraa biqilee; bakka amma itti daraaree jiru dhaqqabuuf akkuma qabsoo biyya kamiiyyuu bu’aa bahii hedduu hulluuqeera. Gufuufi gufata keessa isaafi alaa isa dura kaahame hedduu bira darbeera, bakka hedduuttis darbuu hanqatee gufatee kufeera. Kufaatii mudataaannn keessattis ilmaan Oromoo qaqqaaliin gariin wareegama lubbuu kanfalanii riqicha ta’uun bara baraan yoo achiin hafan, gariin ammoo hirkatanii wal hirkisanii, daddagallfataa deebi’anii ka’uun guca dhiigni Oromoota hedduu itti dhangala’ee qabsiise bakkaan gahuuf har’allee itti eelaa jiru. Qabsoo ammaan kana nuti faana dhalootaa hordofnee itti dhufne tiksanii asiin gahuufis gootonni hedduun baddaafi gammoojjii Oromiyaa keessatti lafee itti harcasaniiru. Saba Oromoo garbummaa jalaa baasuuf gatii guddaa hanga wareegama lubbuu gaafataman qusannaa tokko malee kanfalaniiru. Hangi gatii isaan saba guddaa kana qaanii gabrummaa jalaa bituuf baasan kan yaadameen olitti ta’ullee hanga har’aatti milkiin aarsaa isaaniitti firii taasisuuf hawwame galii isaa hin dhaqqabiin rarra’ee hafeera.

Gatiin dhaloonni kaleessaa baaseefi bu’aan dhaloonni har’aa gatii kaleessa kanfalame irraa argate wal madaaluu dhabuun ammoo deemsa Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan daran hadheesseefi gufuu ammallee dhaloota har’aa dura ququphanee jiru injifannoon bira darbuuf murannoofi of kenniinsi feesisu akkan ulfaataa ta’uun isaa wal nama hin gaafachiisu. Keesmattuu ammoo kan yeroo kamiirrayyuu caalaa Oromoon lafa irratti dhalaterratti, qehee ofiirratti bullukkoo qaanii haguuggatee namummaa mulqamuun akka bineensa daggalaatti adamfamee ajjeefamaa jira. Shamarraan isaa guyyaa saafaa fuuldura isaatti ilma namaa safuu hin beekneen gudeedaman. Dargaggoon agartuu sabaafi biyyaa ta’an dachee ijoollummaan biyyee irratti daakanii dhoqqee irratti bukeessaa guddatan irratti akka akaawwii eelee gubbaa gamaa gamanatti hammacamanii rasaasa qawwee diinaan waxalamaniiru.

Haati dhiiraafi dhalaa meeqa deesse, haati gootaa, osoo qabduu deessuu maseente taatee, dulluma keessa hirkoo dhabdee manni itti duufee dhimphuun karfaffuu gaachana qolatu dhabee bonaa ganna itti xuruuraa jira.

Nyaatanii hamuummachuu, osoo qotanii deeguu…ajjeesanii mirga dhabuu…falmatanii gabroomuu…

Lollee, lollee, dhiiga dhangalaafnee, lafee cabsinee…bilisummaa dhabne. Osoo qonnuu deegne, nyaannee maaddii nu jala jiru hamuummanne…osoo lolluu, osuma falmannuu….aarsaa baafnee gabrummaatti hafne…..gatii feesisu maraa baafnee ammallee bilisummaa dhabne. Gootaaf goota hin dhabne, beekaaf beekaan nun hanqanne, aarsaaf lubbuu hin qusanne…..duunee garuu bilisummaa hin gonfanne. Namummaa mulqamnee, kabajaa uumamaa waakkatamnee…har’as namaa gaditti ilaalamna, sabni guddaan hangana gahu, seenaan Addunyaa kanaa kan takkaa hin dhageenye, saba si’a tokkotti bishaan okkotee tokko keessaa waraabee dheebuu baasuu dandahuun gabroomee jira.

Jireenya dhugummaa irra jiruu abjuu fakkaatu!!

Baasiin saba Oromoo gabrummaa jalaa bituuf bahe guutee yoo dhangala’a ta’e malee hir’atee kan nama yaaddessu miti. Lakkoofsi Oromoo falmaa bilisummaaf jecha biyyeen gaditti ta’e kan lubbuun gabrummaa jalatti biyyeen ol jiru yoo caale malee sanaa gad hin ta’u. Egaa maaliree maal muudaan nu keessa jiru?

Akka sabaatti osoo hunda harkaa qabnuu, hundas gochuu osoo dandeenyuu namaa gad taanee saba biraa ofirratti ilaalaa bara baraan hudduu keessa dhiitamaa ergamaa hafuun lafarrattis ta’a Waaqarratti cubbamoota nu taasisa malee mararfannoo nuuf hin argamsiisu. Waaqni saba kamuu waliin wal qixa nu uume. Saboota ollaa keenya jiran hundaan olitti ammoo eebbisee horaa baay’adhaa jedhee lafarratti nu baay’ise. Akaakileefi abaabilee keenyas warra mirgaa taasisee balas isaanii qajeelchee bal’adhaa jedhee daangaa isaanii bal’ise.

Nuti garuu…….

Eeyyeen nuti garuu lafa daangaa abaabileen keenya lafeefi dhiigaan bal’isanii aarsaa lubbuu itti kanfalanii sararan eeguu dadhabnee sharafsiisaa jirra. Wareegama obboloota keenyaa daangaa kalee sararamte tiksuuf kanfalamaa jiruttillee iggitii tolchuu dadhabneetu harka diinaa dhiiga wareegamtoota keenyaan laaqame irraa fuunee warra gummaa irraa deebfinee dhiiga lammii keenyaa soorataatti jirra.

Cirree qulleessinee, qonnee bulleessinee, meesnee facaafannee, aramnee haammannee, dhoofnee calleessinee, guurree gumbiin geenyee, sorree qulleessinee, daaknee bukeessinee, bixxillee tolfannee…. eeyyeen hundumaa xumurree….bilichaataa eelee gubbaa jiru baafnee nyaachuu dadhabnee halagaa itti yaammanne. Salphina hiriyyaa hin qabne!

Keenyuma halagaan qonxoree yogguu fal’aanaan nu sooru itti gammannee bulun, mirgi Oromoo inni xumuraa isa kana, kanaa olitti Oromoo waanti feesisu hin jiru jennee warri dhugaa bahuuf afaan guuttannee dubbachuuf arraba dheereffannus har’a Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti mul’achuurra daabarrees baay’achuutti jirra. Bakka geenye hundaatti lammii ofii caalaa halagaatti of maxxansuun akka waan beekaa addaa nutaasisuutti ilaaluun kennaa nuuf ta’ee jira. Kun ammoo rakkoo xiqqeenyaa ofii ofiitti boonuu dhabuufi ofitti amanuu nu hanqiseera…. Trying to identify oneself with the muscular one….this is an identity crisis and is a nation’s value failure, drifting itself from its own self.

Budduuqsinee galchinee, qoqonxoraan sooramuun, kunuu warri rafnaan jechaa keenyumarratti abboomuu dadhabnee yogguu hagabnus tole jennee fudhachuu dhaloonni dhaqneeffannes saba kabajaa qabu guddaa kana keessaa dhalachuu eegalleerra. Ilma harmee isaa harma ciniine, abbaa isaa harka daaraa hammaare taasise arguunis har’a waan nama ajaa ibu miti. Oboleessi warra oboleessa isaa ajjeesetti galee qorii diinni foon obboleessa isaa ittiin soorate irraa sooratus qaama Oromoo irraa baheera.

Qaaniitu xaxatee qehee Oromootti gale; wal ganuutu utubaa wiirtuu manaa ciniinee gadhiisuu dide. Beekaa Oromootu dungoo huubboo keessaa ta’e. Cobee, baqee qaama ofii dhabee saba isaa dukkana keessa jiru halagaaf dukkana saaqe. Qaroo sabaatu bakkee dhukkubu hooqee malaasuu lagatee osoo qarqara naannahee tuttuquu madaan Oromoo kulkulee hadhaa kuufatee dhikkifachuutti jira.
Dhaloota hadhaa dhikkifatutti bu’ee malaasutu Oromoo keessaa dhibe! Garalaafettiin durbaa…..

Madaa waliitti quba naquutu baay’ate. Ittuu wal madeessuufi wal hadheesuutu filmaata ta’e. Diina waloo injifachuu dadhabnaan aarii sanaa walirratti obbaafachuutu furmaata fakkaate.

Safuutu cabe; hoodatu bakkaa dabe.

Kanatu Oromoo gabrummaa jalatti sakaalee bara baraan akka hudduu keessa dhiitamaa bulu godhe. Dhiitamanii buluun, halagaaf ergamuun, dhiiga ofiitti duuluun qaanii akka hin taanetti fudhatamee, dhaloonni kana akka mirgaatti ittiin dhaadatus uumame. Gobaanaatu Goobanoota hedduu horate!

Warra afaaniin guyyaa tokkummaa lallabaa, galgala tokkoyyuu adda haanxessanitu qabsoo Oromoo dhuunfatee keessatti gabbatee, itti bargaanfatee taa’e.

Tokkummaa Oromootu bakkaa maqe!!

Tokkummaa dhugaa kan Oromoon ittiin tokko ta’utu cabee okkole. Tokkummaa dharaa kan boru diinni yoo isa tokko sossobatee tokkorratti bobbaafatu diigamutu qabsoo Oromoo nyaachaa jira.

Haasaa Dismoondi Tuuttuu keessatti akkuma namtich fiixee hallayyaa gubbaa waan arguufi qabatee jirutti amanee Waaqa sin oolcha jedhe ijaan arguu hin dandeenye amantaa irraa dhabe sanaa jirra.

Oromoon ilmaafi hintala Oromtichaafi Oromtittii hafuura dhiiga Oromummaa jalatti tokkoomuu caalaa kan har’a arguufi qaqqabee ilaalu fedhii dhuunfaa yeroo ilaalee wal qooduun akka isaa tolutti tokkummaa tolfachuu filate. Qaawwa ofii walitti baneen diina isatti seenaa jiru walirraa ittisuu mannaa karaa agarsiisee walitti bobbaasuun wal ficcisiisuu dalagaa godhate. Mana isaa qaqaan nyaatee duufaa jiru waliin kabachuu irra muka wayyoo qabduufi citaa jiituu achi keessaa luqqisee halagaatti baqachuu aadeffate.

Kanatu Oromoo Bilisummaa dhorkate!! Gatii Oromummaaf kennamutu xiqqaate!!

Wal sobuufi wal sossobuutu diida keenya bareechee keessa keenya hoffaa hadaabolaa taasise. Kanaaf wareegama ilmaan kuma kitiliitti guduunfaa gochuu dadhabne. Sabni ilmaan tiruu tokkoo, afaan tokko dubbatu, aada tokko qabu, biyya tokkoof du’aa jiru, hiree takkittiif dhaabbatu, akka saba qomoon gargarii adda wal dhiibbachaa, adda kuma horachaa, wadaroo gabrummaa morma isaa hudhe guyyuu ofitti jabeessaa ooluun nama gaddisiisa, namas ceersa.

Ergaan barruu kiyyaa hammeenya qofa tarreessee Oromoo xiqqeessuufi qabsoo isaa busheessuuf kan aggaame miti. Lafa madaa keenyaa akeekee bakka nu dhukkubu haa hooqqannu kan jedhu dhaammachuu hawween malee. Adaamii ollaa hagamsaa walitti ta’uun….

Oromoon ulee fuudhee nama dhaanee mitii osoo bakka tokkotti wal gahee wal takkaa fincaahee lolaan fincaan isaatuu diina haree galaanatti naqa ture; yogguu jedhamee dubbatamu hedduu irra deddeebi’ee dhagaheera. Eeyyeen dhugaadha. Garuu qaama afoola keenyaa godhannee afaaniin haasawuu bira haa dabarruutu kudhaama nuuf haa ta’uu jechuun fedha.

Wal dhabuun uumama. Garaagarummaan jiraachuunsi dirqama. Qaama namaa tokkorrattuu yaanni sammuufi fedhiin onnee yerootti wal faallessan ni jiraata. Haata’uutii hunduu qaama tokko; adda bahanii jiraachuu hin dandahan. Gurri lamaan qaama nama tokkoorra jiraniyyuu teessumni isaanii gargar. Tokko bitaa, tokkommoo mirgaan taa’u- tasumaa wal arganii hin beekan. Lachuu garuu dalagaa takkittiif dhaabbatu. Waa dhagahuuf!! Yoo gurri tokko duudu dhiibbaan isaa gurra isa kaan birattis ni dhagahama. Dhageettii nama sanaa hir’isa. Funyaan dhaanan ijji boossi!

Tokkummaan keenya hafuura! Wal agarres wal arguu baannus, wal barres wal baruu baannus kan nu tokkoomsu dhiiga Oromummaati- kan Boorantichaafi Boorantitti, hiddi handhuura keenyaa irraa cite.

Kan addaan nu oofu caalaa kan waliin nu oofutu caala!!

Yoo tokkummaa dhugaa tokko waan taaneef tokkoomuu qabnu kanaan tokko taane galiin tokko baaneef takkaan galma gaha. Kun hanqatee kan tokko ijaaru tokko diiga taanaan gidduu kanatu tokkotu taa’ee kan qabnu hundaa nyaata. Kan dhabne gootaafi beekaa miti. Kan dhabne wal amantaa gootaafi beekati. Qabsoon galma gahuu qabdi; Oromoonsi bilisoomuu qaba. Mana tokko ijjeeraa citaa tokko wal saamuu dhiisnee namuu bakka bakaa citaa finnee qabsoo keenya qaawwetti kabaa haa godhannu. Walii galan alaa galaniin mammaaksuma hogguu surrii keessaa nuqliilu qofa ta’ee hafuu hin qabu. Dhugaan walii gallee alaa haa gallu! Abbaan hin iyyatiin….

Qabsoon Oromoo tokko….Qabsaawonni isaa garuu adda kudha tokko!…. kana waanan jedheefan qaba. Hunda baasanii hin dubbatan. Kan siniif gale sookoofi soorgoo isaa seecca’aa baasaa. Iccitii isaa beekaa, furmaata jiruus waliin faana dhoofna. Gama kiyyaan qabxiilee armaan gadii furmaataaf akeekeen barruu kook an har’aatti guduunfaa gochuuf yaala.

  • Wal cabsuu irra fala wal akeekuun kufaatii nama oolcha.
  • Ormaaf gugguufuu irra waliif ergamuutu irra guddina.
  • Mana ormaa xinnisuuf badaduurra kan ofii kabachuutu dhimphuu nama baraara.
  • Waan dubbatan hojiitti hiikuutu beekumsa, dubbiifi gochaan gargar ta’uutu nama doomsa.
  • Cancala Qabso Bilisummaa Oromoo harka diinaatti galchuun seenaan nama gaafachiisa, diinni akka uleetti qimqimee yoo ittumaan deebisee saba keenya dhaanu callisuun luyinummaadha.
  • Wareegama ilmaan keenyaatti firii haa goonu; wareegama isaaniin qoosuufi harka lafa jalaan dhiiga ilmaan Oromoo dhangala’een sadoo mataa ofii guuttachuuf buuxxaruun cubbuu dha.
  • Kan garaaf gara bule Waraabessa malee ilma namaa miti; garaa injifannee Oromummaaf wareegamuu haa barannu.
  • Xiqqaasa ta’u guddaa keenyaaf gatii walii laachuu haa barannu; sangaa abbaan gaafa cabse….

Ani nama, nan dogoggora. Warri muudaa kiyya argitanii na qajeelchuu hawwitan hanquu kiyyatti guutaa, wal taaneetu madaala kaafnaatii!

Warrimmoo wanni an jedhe cuftuu sinitti hadhaahee siniif liqmifamuu dides, osoo ulee na doomsuuf qimqimattan hin kaasiin duratti waan jecha kiyya sinitti hadheesseefi qorsi isaa ammo maal akka ta’e na akeekaa, walumaan furmaata itti soqnaatii.

Wal hadheeffannee haqaaqrii walii baasuu irra maaliif kana jetta osoo akkana jechuun siif maluu yoo waliin jenne irra gara wal mi’eeffachuutti deemnaatii!

Ijji isaa bocoocoo dha jennee dugda duubaan hamachuu mannaa ijjikee cuummaa qaba haxaawwadhu jechuutu jaamuurraa nu oolcha waan ta’eef!!

Rabbi milkii nu haa kennu;
Deemnee haa hofkallu;
Balas keenya haa ta’u, ajjeenee haa baannannu;
Hamaan nu keessaa haa bahu, mirgi keenya haa ta’u;
Amni hangamuu dheeratu, xurreen hangamuu jal’atu bilisoomuun waan hin oolle dha!!

Komataa Sabaa.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Oromoota maraaf..

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *