Oduu Haaraya

Lubbuun keenya balaa keessa jira jedhu baqattoonni Bangaazii Libyaa keessa Jiran

Baqattoonni Libya Bangazi keessa jiran haala hamtuu keessa jiraachuu dubbatu. Bakki isaan yeroo ammaa jiran bakka ISIS baatii darbe lammiiwwan Itiyoopiyaa kaan morma muruun kaan immoo itti dhukaasuun ajjeese irraa fagoo miti jedhu. Namoonni fuula ofiitti haguuggatan gandeen keessa asiif achi deemanii namoota waan ukkaamsaniif jecha gad ba’uu sodanna. Mana keessa teenyee illee sagalee keenya ol hin kaasnu jedhu.

Tarii guyyaa tokko dhufanii nu qabatu jennee soda guddaa keessa jirra kanneen jedhan baqattoonni Oromoo kun lubbuun keenya balaa keessa waan jiruuf addunyaan akka nuu dhaqqabuuf lammiiwwan keenya biyya keessaa fi ala jiran qaamni dhimmi ilaalutti akka nuuf iyyan gaafanna, ofiis gama danda’ame maraan bakka itti danqamnee jirru keessaa haala itti ba’uu dandeenyu akka nuu barbaadan gaafanna jedhu.

Namoonni baatii darbe keessa lammiiwwan keenya galaafatan bakka nuti jiraannu irraa fagoo miti, kanneen fuula isaaniitti haguuggatan illee ganda keessa asii fi achi deemu waan ta’eef yoom dhufanii mana keessa jirru ol nutti seenanii nu galaafatan hin beeknu. Kanaaf sagaleen keenya gurra hawaasa addunyaa nuuf haa ga’u jechuun iyyata isaanii dhiyeeffatanii jiru baqattoonni Oromoo Bangaazii Liibiyaa keessa jiraatan kun.

Gaaffii fi deebii geggeedffame armaan gaditti caqasaa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …