Oduu Haaraya

Mirga ifiin murteefannaa fi Oromiyaa walabaa akeeka waararrii tahe hubatame.

Darrata qabsoo Oromoo mudate Irraa kan madde hujiin tiratanii qabsoo fuulduratti tirsuun dagatamee qarsaaleen siyaasaa Oromoo tuuta yaadan wal riqattu hedduun jechootaan joonjaa ummata keessatti uumuun raasaa suukannii malee dhadhaa hin baafne tahuun hujii bara 24+ tahee muldhata.

Barruu kana barreessuuf kan na dirqe ilaalcha yaada mooraa qabsoo bilisummaa keetti kuusaa baroota hedduuf kuusamte tan barren as dhihoo dhanquu hedduu tahe kamuu xiinxaluuf yokaan qeeqeef miti. garuu akeeka qabsoo Oromoo keessatti jechoota  bu’ura kaayyoo keessa muldhatan lamaan (2n) \”Oromiyaa walaba fi hire mirga ifiinin murteefannaa\”
argoo kiyya Qabsaawota qabsoo bifa kamii godhaniifu muldhisu.

.Oromiyaa Walaba- Dhumaatiin Oromoonni fi Ummatoonni Oromiyaa mudatte ittisa birmadummaa Biyya Oromoo tahuu, qabsoon Ummanni Oromoo godhees ittisa birmadummaa Biyyaa Oromoo (Oromiyaa) tahuun wal-nugaafachisu. Sirna caasaa jaarmayaan gabrummaa Biyya Oromoo (Oromiyaa) irrattti diriirse kan jiguu dandayu jaarmaya siyaasa tahuu qarsaaleen gadaa dhaloota ABO jiraniis wayyabaan kan kaayyefatanii guca qabsoo biqilchan kaayyoo Oromiyaa Bilisa baasuuti. \”Oromiyaa walaba\” jechuun mootummaa Oromiyaa baha Africa San keessatti deebisani dhaabu ykn dhalachiisuu jechuudha malee hiikkaa biraa qabaatu hin qabu. Empire Ethiopia sun kan bu\’urame hiddaa hundeen isaa Lafaa fi Ummatoota Oromiyaa irratti. Oromiyaa bilisa taateefi ummattoonni Oromiyaa gaafiin fottoqaa qooda isaa miti, jechi fottoqa ju\’uus ilaalcha gabroomsaan gaafii QBO xureessuuf fi Lola labbaa (horizontal wars) Oromoo fi Lammiillee Oromiyaa iddutti uumuun dhimma itti bahaa turee fi itti jiru tahuu hubatame sirreefatuun fardi.

.Hiree Mirga ifiin murteefannaa- akeekni kuni karaalee falmaan qabsoo itti godhamtu keessatti Warren falmaa karaa nagayaan Empire Ethiopia keessatti godhaniif mala tirsaa Oromiyaa bilisatti geessuuf yaada gaari tahuu qofa Osoo hin tahin tarsimoo qabsooleen karaa nagayaa hordoftu keessaa Hunde, Warren naanniga humna amma empire qabdu keessatti qabsaawaaniif futtasaadha.

 Qabsoo hidhannoo qaamni gaggeessu akeeka hiree Mirga ifiin murteefannaa kaayyoo keessatti galfachuun fajaajumma fi qabsoo hidhannoo godhamu san fiixa bahinsa isii irratti shakkii qabaachuu bira dabree akeeka waararrii akana kanaan ayyaan laallatummaa Empire Ethiopia keessatti ummata bilisa kajeelu fi Oromiyaa bilisa hawwuu taati. Qabsoo hidhannoo akeeka ifaa tahe qabattee deemuun murteessaadha. Gaafiin hiree Mirga ifiin murteefannaa Saba Oromoo fi Lammiilee Oromiyaaf Osoo hin taane ollaalee Oromiyaaf tahuun qulqullaawe himamuun Saba Oromoo fi Ollaalee Oromiyaaf xaliilee ibsamuu qaba.
kana  qulqulleessuun murannoo Qabsawwota akeeka qabsoo hidhannoof handhura. Ummanni Oromiyaa bilisa baate keessatti bilisummaan jiraatu gaafi hiree Mirga ifiin murteefannaa Biyya tam Irraa gaafata?, san jechuun akkuma hundeen muka  dameen sirraa fottoqa jechuuti. Dameetu muka haadho Irraa capha moo haadhootu capha? Gaafiin hire Mirga ifiin murteefannaa Mirga ollaaleen Oromiya bilisa tahan dhiibbaa takka malee Oromiyaa waliin jiraachuu fi addatti jiraachuun murtii fi filmaata Ollaale Oromiyaati.

Oromiyaan Ni Bilisoomti!!

~~~~~~~~~Boonsaa~~~~~~

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …