Oduu Haaraya

Magaalaa Cirootti abbaa matii tokko hadhaa manaa fi joollee isaa bira butani ajjeesanii daggalatti darban

Magaalaa guddittii godina Harargee lixaa magaala Ciroo iddoo lakk. 9 jedhamtutti jiraataan oromoo tokko galgala kaleessaa dhoksaan halkan balbala caphsanii mana itti seenuun ilmaanii fi haadha manaa biraa fuudhanii hidhattoonni wayyanee ajjeesanii ganama ar’aa reeffi isaa dirree irratti darbamee argameera maatiin isaa fi daa’imman isaa gaddaan liqimfamaniiru. Ummanni naannichaas yeroo ammaa sodaa guddaa keessa jiru. Guyya ar’aa araddaa 01 keessaa OPDO’n namoota walga’iif naannoo namni oromoo kun irraa ajjeefametti walitti qabanii nama ajjeese hordofneeti seeraaf dhiheessinaa tasgabbaa’aa jechaanii oolan. Aniis maalummaa nama ajjeefamee kana yeroon qoradhu namichi kun nama qabso oromoo keessatti gahee guddaa qabuu fi barana namoonni madrak akka filatan hubannoo hawaasaaf kennaa ture jechuun ajjeechaan isaas sababuma kanaf natti fakkaata jechuu hiriyaan isaa tokko natti hime

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …