Oduu Haaraya

Ummata Oromootu hooggantoota dhaabbilee siyaasaa akka tokkooman  kadhachuu qabamoo, hooggantoota dhaabbilee siyaasaa Oromootu tokkummaaf ummata Oromoo kadhachuu qaba?

 

Tokkummaan Oromoo hunda dursu akka qabuu fi daandiin qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan gahuu danda’u tokkummaa Oromoo jabeessuu duwwaa akka ta’e  beektotti Oromoo waggaa dheeraaf akeekkachiisaa asi gahanii jiru. Guyyaan dhimmi tokkummaa irraa hin dubbatamni hin jiru. Sababni isaa oromiyaan kan bittaa alagaa jalatti kufteef tokkummaa dhabiinsaa fi toftaa qoqodanii bituu diinaa irraa waanta maddeef. Oromoon gaanfa Afrikaa keessatti roga hundaan ummata wayyaba. Oromoon humna namaan, dingadee fi taa’umsa lafaan Itiyoophiyaa keessatti duwwaa otoo hin taane, naannoo isaatti ummata murteessaa tahee dha. haa tahuu garuu wayyabummaa naannoo keenya keessatti qabnu, gara humnaatti jijjiruu hin dandeenye.  Diinni keenya nubitaa jirus ta’ee abbaa biyyummaa oromiyaa arguuf fedha hin qabne, humna Oromoon qabnu kana akka ofirratti beeknu tasa hin barbaadu. Kanaaf jecha imaamata tokkummaa Oromoo laaffisan, toftaa gara garaa dhimma itti bahee jira. toftaan diinaa kun yeroo dheeraa keessa amaleeffatamee amma  mooraa qabsoo Oromoo keessa seenutti gahee jira.

Keessummaa toftaan qoqodanii bituu diinaa kun dhaabbilee siyaasa Oromoo keessa seenuudhaan tokkummaan qabsa’otaa waantota laaffisan amma dhimma itti  bamuutti gahee jira. haalli yeroo ammaa argaa jirrus isuma kanaa dha. ilaa fi ilaameedhaan dubbatanii rakkoo jiru fixachuu irra, gara wal balaaleffannatti deemame. Egeree qabsoo sabaa fi galii dhaabni siyaasaa dhaabbateef cinaatti jallisuudhaan, dhimma naannummaa, gusummaa fi amantaa ajandaa duraa taasifachuun tokkummaan qabsa’otaa akka laafu ta’ee jira. asirratti hubatamuu kan qabu qabsoo sabaa keessatti dhimma naannummaa, gusummaa fi amantaaf fayidaa argamsiisuuf otoo hin taane, golgaa kana jalatti shiraa fi dantaa dhuufaa argachuuf agoobara tolfatamee dha. Oromoo akka sabaatti ilaalanii kaayyoo dhaabaaf dursa kennuu irra, maqaa naannoo fi amantaa jalatti ruuqamuudhaan dadhabbina qabsoo hoogganuuf qaban milqisuu yaalu. Aangoo hinjirretti aadaa fi safuu Oromoo cabsanii wal dura dhaabbatu. Kanaaf kun rakkina hooggantootiin qabsoo qabanii dha.

Ummati Oromoo abdii otoo hin kutanne dhaabbileen siyaasa Oromoo akka mooraa qabsoo Oromoo tokkoomsan guyyaa guyyaan kadhachaa jira. silaa tahuu kan malu hooggantoota dhaabbilee siyaasa Oromootu mooraan qabsoo Oromoo akka tokkoomu ummata Oromoo kadhachuu fi gara tokkotti luuccessuu qaba ture. hoogganni dhaabbilee siyaasa Oromoo egeree qabsoo Oromoo galmaan gahuu fi milkii argamsiisuuf haarsaa tokkummaan gaafatu kaffaluudhaan tokkummaan qabsa’otaa akka dhugoomu taasisuu qabu ture.

Tokkummaa qabsa’otaa dhugoomsinu malee diinni nuti injifannu hin jiru. Keessumaa dhalooti qubee tokkummaan Oromoo dhugoomu malee, qabsoon haarsaa guddaan itti kaffalamee as gahee jiru, akka galmaa hin geenye akka gaariitti hubatee jira. dhalooti harawaan dachee oromiyaa keessatti diina wajjin guyya guyyaan kokkee wal qabanii haarsaa lubbuu itti kaffalaa jiran, dhimma tokkummaa Oromoo akka gaarii hubatanii jiru. Hubannaan dargaggoo Oromoo kun ammoo, hoogganoota siyaasaa tokkummaa qabsa’otaaf abboomamuuf fedhan hin qabnee fi tokkummaa dhugaa Oromoon barbaadu dhugoomsuu irraa maqanii, naannoo fi amantaa dahoo taasifataniif bakka akka hin qabne hubachiisa. Sadarkaa kana qaqabuun mataa isaatiin qabsoo Oromootiif injifannoo dha.

Haa guddatuu haaxiqaatuu tokkummaa qabsa’otaa dhugoomsuuf tattaaffiin yeroo ammaa mooraa Oromoo keessatti jalqabame kun jabaachuu qaba. Tokkummaa oromoof danqaa guddaa kan ta’ee fi akka aadaattis kan fudhatamaa ture dhimma aangoo ti. Tokkummaan yeroo ammaa jalqabame kun aangoof jecha danqaan mooraa oromoo keessa yeroo dheeraaf ture waanta banamaa jiru fakkaata. Aangoon hojii fi bu’aa qabsoo argamsiisuu irraa madduu qaba. Qabsoo bilisummaa keessatti hooggannti iitti gaafatama fudhatee hojii qindeessa malee, aanggoon kan dhufu gaafa galiin qabsoo galma geese aangoo caasaan deeggarame ummati namaaf dhugoomsuu danda’a. haarsaa tokkummaa qabsa’otaa dhugaamsuuf gaafatus dhaabbileen siyaasa Oromoo fi hooggantootiin isaa kaffaluuf qophii tahuu qabu. ilmaan Oromoo lubbuu isaanii qabsoo sabaaf yeroo kennanitti, hooggantootiin qabsoo Oromoo haarsaa lubbuu gadii kaffalanii tokkummaa qabsa’otaaf abboomamuu qabu. Oromoon hooggantoota dhaabbilee siyaasa Oromoo akka tokkummaa qabsoo ummatan kadhachuun raawwatee, aadaan hoogantoota siyaasa Oromoo tokkummaaf abboomamuu dagaaguu qaba. kutaa lammaaffaa keessatti guddina siyaasaa oromoo fi hoogganoota qabsoo oromoo wajjin dhimmoota wal qabatan qabadhee deebi’a.

Kutaan lammaffaa  itti fufa.

Camadaa Hundee

camadaa@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *