Oduu Haaraya

Mirgi Abbaa Biyyummaa Oromoo Heeraan Kennameef Haa Kabajamu jedhu Barttoonni Universitii

Namoo Daandii | April 28, 2014

 (VOA Afaan Oromoo) — Universitiilee Oromiyaa keessa jiran kanneen akka Univiersitii JImmaa, Haromayaa, Amboo, Wallaggaa keessatti barattoonni gidduu kana hiriira ba’anii jiran. Magaalaaleen naannawaa Finfinnee jiran Finfinneetti dabalamanii bulchiinsa Federaalaa jala akka galan Master Plan ba’aa jiru ni mormina kan jedhu gaaffiin isaanii.

Akka heera Itiyoopiyaatti dantaan addaa uummanni Oromoof Oromiyaan Finfinnee keessatti qabaachuu malu hojii irra haa oolfamu. Afaan Oromoo afaan Federaalaa haa ta’u. Barnoonni Oromoo Finfinnee keessatti haa kennamu kannnen jedhanii fi ka biroo illee gaafataa jiru barattonni kun.

Source: VOA Afaan Oromoo

Check Also

kfo

Walii galtee biyyaalessaarraa baqachuun gaaga’ama biyya keenyaa rakkisaafi wal-xaxaa taasisaa Jira

Haala Yeroo Ammaa Itoophiyaa Keessa Jiru Ilaalchisee Ibsa Kongiresii Federaalawaa Oromoo-KFO (Oromo Federalist Congress – …