Oduu Haaraya

Mooraan Yuuniversitii Haromayaa Goolame.Barattooti Hedduun Nyaata Summaaye Nyaachuu Irraan Miidhaman

Diddaa barattooti Yuuniversitii Haromaayaa kaasaniin wal qabatee guyyaa har’aa sirni abbaa hirree mootummaa Wayyaanee baraa gara baraatti barattoota mala adda addaan fixuu aadeffate har’as caalmaatti jabeeffatee itti fufee jira. Haala kanaa har’a 31/1/014 dallaa university Haromayyaa keessatti nyaata barattootaa keessatti summii lubbuu dabarsaa makuun barattootni nyaata kana nyaatan kumaatamni miidhaan guddaa irra gahuun kan mana yaalaa seenan yoo tahu, kanneen maqaan isaanii adda hin baane lakkoofsi isaanii tilmaamaan ja’a tahan lubbuun akka darbee jiruus dhagahamaa jira. Barattootni mana yaalaa galan illee lubbuu darbuu irraa akka hin baraaramne dhagahamaa jira. Kanneen maqaan isaanii adda hin bahiinii fi haala gabaasa kanaa jala jalaan kan gabaafnu tahuu gamanumaa Qeerroon hubachiifna.

Madda: qeerroo

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …