Oduu Haaraya

Mootummaan Korojoo Filannoo Saametti Akka Taajjabdoonni Mallatteessan Humnaan Dirqsiisa, Jedhu Mormitoonni

Aanaalee Filannoo Oromiyaa hedduu keessatti humnoonni hidhattootaa Mootummaa akka taajjabdoonni korojoo humnaan harkaa fudhatamee fi irraa hariyatamnitti mallatteessanii fi seera-qabeessa fakkeessan doorsia, hidhaa, miidhaa haga rasaasaan rukkutuu ga’u irratti geggeessaa jiru, ka jedhan – barreessaa Kongiresa Federaalawa Oromoo, Obbo Beqqelee  Nagaa ti.

Qellem Wallaggaa keessatti sababaa kanaan namoonni sadii sababaa kanaan walitti-bu’insa uumameen namoonni sadii rasaasaan haleelamuu isaanii, Arsii Lixaa fi bakkawwan hedduu ka biroo keessatti immoo taajjabdoonni hidhamuu dubbatu.

Aanaa Gadab Asaasaatti namni Mederekiif dorgomanii fi Shawaa Lixaa keessatti taajjabduun filannoo amma hidhaa baqadheen dhokadhee jira, jedhanis himannaadhuma wal-fakkaataa qaban.

Gabaasa guutuuf asi tuqaa

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Murtiilee Konferensi Gurmuu Hayyoota Oromoo (GHO) 15.08.2020

Nuti, kanneen yaa’ii guyyaa hardhaa 15.08.2020 mataduree “Beekumsa hidhachuudhaan Oromoo fi Oromiyaa roorroo diinaa irraa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *