Oduu Haaraya

Mootummaan Tigraay mootummaa Federaalaa wajjiin dhoksaan marii taasisaa akka jiru gabaafame.

Akka Sudan Post gabaasetti mootummaa Federaalaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay kan Tigraay bulchu jidduutti xalayaa nagaa wal jijjiiruun dhoksaan taasifamee jira.

Qondaala olaanaa mootummaa Tigraay tokkotu natti hime kan jedhe gabaasni Sudan Post kun, xalayaan fedhii marii nageenyaa ibsu karaa bakka bu’aa dhimma alaa Tigraayiin mootummaa Federaalaatiif ergamee jira.

Mariin nagaa gareewwan lamaan jiddutti ifaan jalqabamuu baatuus karaa al-kallattiitiin marii taasisaa jiraachuu isaanii gabaasaaleen mul’isan bahaa kan jiran yammuu ta’u, mootummaan Federaalaa haal-dureewwan mootummaan Tigraay dhiyeesse kufaa taasisuu isaa gabaasa kana keessatti eerame jira.

Qondaalli mootummaa Tigraay eenyummaan isaanii hin ibsamin kun haal-dureewwan mootummaa naannoo Tigraayiin dhiyaatan mootummaa federaalaa biratti fudhatamuu dhabuun marii nageenyaa jedhameef gufuu ta’uu akka danda’u ibsaniiti jiru.

Jalqaba bara 2022 pirezidaantiin mootummaa Tigraay Doktar Dabrastiyoon Gabramikaa’el turtii BBC waliin taasisaniin mootummaa Federaalaa wajjiin karaa naannawaatiin mari’ataa jirra jechuun dubbataniiti turan.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …