Oduu Haaraya

Muktaar Kadiir, Pirazidantiin Oromiyaa eessaafi haala akkamii keessa jira?

Oduun deddeemtu akka jettutti dhibamee biyya alaa jira. Biyya alaa kam? Suud Arabiyaa, Thailand,Belgium fi Frankfurt ( Germany) bakkota deddeebi’anii maqaan dhayamuu keessayi. Garuu maatii isaatis ta’ee hoggansi OPDO tokkoleen dhibbaa-dhibbatti bakka kanaafi haala kana keessa jira jedhee dubbachuu hin dandeenye.

Maatifi hoggansi jirus jedhanii malee nan beeka kan jedhu hamma ammaa hin argamne. Maarree dirqamni guddaan hoggansa naannoo guddicha kanaa irra jiru, yeroo halli xaxamaan deemaa jiru kanatti torban lamaa ol dhabamuun gaafilee hedduu kaasaa jira. Maatii isaatifi hojjattoota waajjira isaa dabalatee namoonni hidduun dhiphachaafii gaafii kaasaa jiran.

Kanaafuu mootummanOromiyaa, OPDOfi kan feederaalaa saffisaan dhimma kana ifa godhuu qabu. Yoo pirazidantichi nagaya jiraate as bahee haa dubbatu. Yoo dhibamee jiraate haala inni keessa jiru ogeeyyiin fayyaa maatiifi saba isaa haa beeksisan. Yoo ammoo rakkoon kanarra hamaa jiraates ummanni beekuun barbaachisaadha.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …