Oduu Haaraya

Muslimoota Magaalaa Hararitti badii malee hidhaman irratti guyyaa Arraa caamsaa 28 ragooleen dharaa Mana Murtiitti dhihaatanii kijibuun Isaanii dhagayame.

Magaalaa Harar Adaree Biyyootti Muslimoonni badii malee mana hidhaatti ugguramani mana murtii dhihaataa akka jiran ni yaadatama. Guyyaa Arraa Mana murtiitti Ragaa cubbuutiif warreen mootummaan qopheeyse dhihaatanii ragaa dharaa kennaa oolan.

Muslimoota badii malee Hidhaman irratti ragaa bahuuf warri leenji’aa ture kan arra mana Murtiitti dhihaatanii Ragaa bahaa turan Namoota aramaan gadii kana akka tahan Maddoonii keenya nuuf gabaasanii jiran.

Ragaa dharaa 1ffaa.>>Abdurashiid Jaalee mootummaa fii Imaama Masjida Qalaadambaa. Ahbaash fudhachuu Isaatiin Koree Majlisa Magaalaa Harar tahee Mootummaan kan Shuumame.

Ragaa dharaa 2ffaa.>> Sheekh Muhammad Amiin Imaam Masjida Iimaan kan turee fii amata 3 dura Koree Masjida Iimaaniin sababaa badii Isaa kan Imaamummaa irraa kaafame.
Ragaa dharaa 3ffaa.>>> Abdurahiim Miniishaa Mootummaa fii deeggaraa Ahbaash kan tahe.

Jarri asi olitti ragaa dharaa guyyaa arraa bahan kun hundi hoggantootaa fii deeggaroota Ahbaash tahuun kan beekkaman hoggaa tahu Muslimoota hidhaa jiran irratti ragaa dharaa Osoo Rabbi hin sodaatin bahuudhaan Muslimoota hunda Adawwii godhachuu Isaanii Mirkaneeysanii jiran.

Rabbiin warra Kijiba Muslimoonni hin qabne irra kaaye Balaa Isaa itti haa buuse.

Madda;

Sagalee Ibsituu Dukkanaa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …