Oduu Haaraya

Nuti osoo ummatni keenya ajjeefamu, ari’amuu, hidhamuu qaraattii keenya itti fufuu hin dandeenyu…

Guyyaa arraan tanaa barattooni mana Barnoota NUSAYBAH, Qaraati dhaabaniitiin hiriiraa nagayaa mana barnoota NUSAYBAH magaalaa Minneapolis Minnesota kessatti argamu keessatti mormii isaanii haala owwaan gaggeessanii jiran.

Nuti osoo ummatni keenya ajjeefamu, ari’amuu, hidhamuu qaraattii keenya itti fufuu hin dandeenyu, mirgi ummata kenyaa kabajamuu qaba, barrattotni Oromoo mirgi isaanii kabajamuu qaba, qotee bulaa keenya ni deeggarra, mootumaa wayyaane ni balaaleefanna, jechuun hiriira nagayaa gaggeeysanii jiran, akkasumas Mootummaan Ameerikaa gargaarsa dhaabu qaba mootummaa Ethiopia kan dhiiga oromo gad naqaa jiru gargaaru haa dhaabu mormii jettu mormanii turan. (Nasir Hamza)

Check Also

kfo

Walii galtee biyyaalessaarraa baqachuun gaaga’ama biyya keenyaa rakkisaafi wal-xaxaa taasisaa Jira

Haala Yeroo Ammaa Itoophiyaa Keessa Jiru Ilaalchisee Ibsa Kongiresii Federaalawaa Oromoo-KFO (Oromo Federalist Congress – …