Oduu Haaraya

Odaa Oromoo

Odaa Shanan Oromoo jedhamee yeroo baayyee himama. Odaan seerri jalatti tumame Shani jedhame amanama. Haa ta’uu malee Odaaleen Oromoo 9 kan jedhanus jiru. Odaan shanan jedhaman:
1.Odaa Roobaa,
2.Odaa Nabee,
3.Odaa Bisil,
4.Odaa Bulluqii fi
5. Odaa Bultum.
Maanguddoon Haajii Mormor Abbaa Seenaa jedhaman seenaa afoolaan jiru yo himan, odaan Oromoo sagal jedhu. Dabalaanis, odaa shanitti seeratu tumame, afuritti ammoo seerrri itti eebbifame, jedhu. Odaa gugurdoo Oromoon jalatti murtee gugddoo dabarfatu keessaa:
1. Odaa Nabee (Shawaa Bahaa naannoo Duukam)
2. Odaa Bultum (Harargee )
3. Odaa Bulluq (Horroo-guduruu Wollaggaa)
4. Odaa Adoolaa (Gujii)
5. Odaa Roobaa (Baale)
6. Odaa Bisil ( Macca keessa)
7.Odaa Hullee, (Jimma)
8. Odaa Doogii,(Ilu-abbaa-boor)
9.Odaa Gudayyaa (Odaa Mandiidaa Waaqoo jedhama).

Check Also

ali birraa2

Hangafni Artistoota Oromoo Dr. Kabajaa Artist Alii Birraa biyya irraa hin galetti godaane.

INNAA LILLAAHI WA INNAA ILEEYHI RAAJI’UUN Anis Biyyaan Qabaa Biyya Biyya Caaltuu Biyyatoo Oromiyaa Tan …

One comment

  1. Galatooma

    Odaa Nabee namooni odaa nabee kan jedhaamu hin jiru odaa Namee jedhama jedhu?