Oduu Haaraya

Odeeffannoowwan Bu’uuraa

Moggaasa Maqaa:  Oromiyaa

Magaalaa Guddoo: Finfinnee

Teessuma Lafaa

Teessuma: Kutaa Baha, giddugaleessaa fi Lixaa Itiyoophiyaa 3024’20’ ka. hanga 10’23’26’ ka. fi 3407’37’ ba. irraa hanga 42058.51. bahaatii.

Argamsa: Itiyoophiyaa

Bal’inaa: Iskuweer kiilomeetira 363, 136 km2(Bal’inaa lafaa waliigalaa Itiyoophiyaa keessaa %34.3 qabata)

Olka’iinsa lafaa: Qixa dirra galaanarraa meetira 500m – 4377m

Daangaalee lafaa: KM 5700; daangaa Addunyaa Km 600, daangaa biyyoolessaafi KM 5100

Haala Qilleensaa:

Baddaa

Badda-daree

Gammoojjii

Qabeenya Uumamaa:

Qabeenya bishaanii hedduu

Lafa qonnaa bal’aa

Albuuda sibiilaa fi sibiilalaa

Warqii

TaantaalamiiOromiyaa Maxxansa 4 Lak. 4 2004 5 Fuula

Bosonaa hedduu

Bineeladotaafi bineensota bosonaa akaakulee adda addaa hedduu qabdi.

 

UUMMATA

Baay’ina Uummataa: 30,307,699

Dhiira: 15,264,086

Dubartii: 15,043,613

Afaan hojii: Afaan Oromoo

CAASAA Ergamtootaa MOOTUMMAA  wayyaneetiin qaxaraman 

Qaama seera Tumu: Caffee/ Paarlaamaa Mootummaa Naannoo

Qaama Raawwachiistuu: Sadarkaa afuritti kan hundeeffame dha

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Mana Marii Bulchiinsa Naannoo

Bulchiinsa Godinaa – Godinaalee 18

Mana Marii Aanaafi Bulchiinsa AanaaAanaalee 304

Mana Marii Gandootafi Bulchiinsa Gandaa

-Gandoota qonnaan bulaa 6343

-Gandoota magaalaa 369

Qaama Seera Hiiku:

Mana Murtii Waliigalaa

Mana Murtii olaanaa

Mana Murtii Aanaa

• Manneen Murtii Hawaasummaa

Paartiilee siyaasaa: Sirna paartilee hedduu

• Dhaabbata Dimookiraatawaa Uummata Oromoo

(Naannicha hogganaa kan jiru)

• Koongiraasii Biyyooleessa Uummata Oromoo

Paartii Qindoominaa Tokkummaafi Dimokiraasiif

• Warraaqsa Federaalistii Dimokiraassummaa Oromoo

Paartii Sirna Gadaa

Dinagdee

• Harki Caalaan Qonnarratti kan hundaa’e

Qonni humna namaa hedduu kan qabateefi GDP/Guddina dinagdee naannichaaf qooda guddaa kangumaachu dha.

Oomishawwan dame Qonnaa Gurguddaa: dheedhii, midhaan agadaa, buna, shaayii, midhaan zayitaa, kuduraa, muduraa, jirbii, shonkoora, mi’eessitu, gogaafi kal’ee, beeyladaa, abaaboo……

Industiriiwwan Gurguddaa: Waarshaalee nyaataa, dhugaatii, huccuu, gogaa, keemikaala, waarshaalee sibiilaa, simintoofi kkf

Oomishaalee gabaa alaatti ergaman gurguddoo: – Buna, abaaboo, jimaa, warqii, oomisha gogaa, horii dhaabbataa, foon, midhaan zayiytaa…

Maallaqa Naannichatti ittiin daldalamu: Birrii

Hojiilee Invastimentii: Bara 2002/2003

• Kaappitaala galmaa’ee: Birrii billiyona 249

• Pirojeektiiwwan eeyyamaman: 14,380

• Bay’ina dureeyyota Biyya keessaa: 866

• Kaappitaala: Birrii miliyoona: 101,125

• Bay’ina dureeyyota Biyya alaa: 1,604

• Kaappitaala: Birrii miliyoona 94,983

Carraa hojii Uumamuu (wayita guutummaatti hojiin jalqabamu) namoota 1,953,563Oromiyaa

Kan dhaabbata qacaraman: 684,643

Kan yeroof qacaraman: 1,268,920

Carraalee Investimantii Gurguddaa:

Qonnaafi hojiilee qonnaa waliin walqabatan Agiroo-Industirii, Industirii, Hoteelaafi Turizimii

Riilisteetii, Barnoota, Fayyaa, Daldala, Geejjiba……

Oromiyaa keessatti hojii investimentiif haalawwan mijaawaa jiran:-

Bu’uuraalee misoomaa haala gaariin diriirfaman

Humna oomishaa naamusa hojiifi fedhii hojii qabu

Qabeenya uumamaa bal’aa kan akka lafaa, bisaan …

Uummata haala gaariin nama simatu

Tooftaa nageenya invastimantii eeguu amansiisaafi abdachiisaa

Bu’uuraalee Misoomaafi Tajaajiltoota

Geejjiba

Daandii qilleensaa: Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa magaalawwan naannichaa gurguddootti tajaajila ni kenna.

Baabura: Daandiin Baabura Itiyoo-Jibuutii Oromiyaa qaxxaamura

Daandii Konkolaataa:

Daandii yeroo maraa 13,033.53km

Daandii Aaspaaltii 2653.88km

Daandii Cirrachaa 8503.7km

Daandii Hawaasaa 25,300km

Daandii baadiyaa 8702.65km

Telekoominikeeshinii: (Ergaa wayyanee tamsaasan)

Tajaajila bilbila idilee, bilbila shiboo malee, tajaajila bilbila mobaay¬ilii, tajaajila bilbilakafaltiin, gandoota baadiyyaatiif tajaajila kominikeeshiinii WILL, tajaajila maltiimiidiyaa, tajaajila toora intarneetti birood- baandii, tajaajila toora intarneetii diyaal-aappii, waradaa neettii, iskuul neettiifi tajaajila agiriineettii.

Dhaabbilee Sab- quunnamtii Afaan Naannichaatiin/AFAAN OROMOO/ hojjetan

• Televizhiinii Oromiyaa

• Raadiyoonii Oromiyaa,

• Raadiyoonii Itiyoophiyaa (Sagantaa Afaan Oromoo),

• Raadiyoonii Faanaa (sagantaa Afaan Oromoo),

Oromiyaa FM (yeroo dhiyoo keessa kan hojii eegalu)

Maxxansaalee:- “Kallacha Oromiyaa”, “Bariisaa”, fi “Oromiyaa” gaazexaa torbaniin maxxanfamu

 

Hawwattoota Turizimii Oromiyaa

Kan Uumamaa

Haroowwan: bishooftuu , Hora Arsadii, Horaa, kiiloolee, Cuqqaalaa, Kurruuftuu, Babbogayaa, Wancii, Dandii, Dambal, Abiyaataa, Shaallaa, Laangaanoo.

Bosona uumamaa gurguddoo: Mannaagashaa Suubbaa, Cillimoo Gajjii , Dodola Adaabbaa

Tulluuwwan: Asaboot, Diimtuu, Cilaaloo

Paarkiiwwan: Paarkii Awaash, Paarkii Gaarrewwan Baalee,

Paarkii Abiyaata- Shaallaa.

Risoortii: Risoortii Langaanoo, Risoortii Soodaree, Risoortii Hora wal¬isoo, Risoortii Hora Amboo, Hurka Bokkuu, Hora gara gadii .

Iddoowwan Seenaa

Iddoowwan waaqeffannaa: Dabralibaanos, Asaboot, cuqqaalaa (zuquala), Tulluu Guddoo, Maaraamii Adaadii

Iddoowwan hambaa: Awaash Malkaa Qunxure, Boca Dhakaa, Magaalaa Haaraar, Dhakaa Laga odaa.

Masaraawwan: Abbaajifaar, Kumsaa Morodaa

Goda-hambaawwan: Muuziyeemii Jimmaa, Muuziyeemii Wallaga, Muuziyeemii, Muuziyeemii Ejeree (Addis Alem)

Holqawwan: Soof Umar, Achaaraa, Ayinagee.

 Haala Waliigalaa

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Bulchiinsa Naannolee bara 1984, labsii lak. 7/1992tiin hundeeffaman keessaa isa tokko dha. Bal’inni dachee Oromiyaa km2 363,314.9 dha. Naannoon Oromiyaa bal’ina dachee Itoophiyaa waliigalaa keessaa %34.3 dha.

Naannoon Oromiyaa Tiigiraay malee Naannolee Itoophiyaa hunda waliin wal daangeessa. Oromiyaan haala teessuma lafaatiin akaaku¬lee sadiitti qoodamti. Isaaniis, baddaa fi gammoojjii lixaa, baddaa fi gammoojjii bahaa fi sulula.

Waluumaagalatti olka’iinsi dachee Oromiyaa qixa dirra galaanarraa meetira 500 –meetira 4,377 gidduutti argama.

Teessuma lafaa

Naannoon Oromiyaa teessuma dachee gosoota adda addaa baay’ee qabdi. Naannichi tulluuwwaniin kan marfamte, lafa diriiraa, boqoqqee¬wwan, sululawwan, dirreewwan babal’aa fi akkasumas Tulluu Diimtuu sadarkaa qixa galaanarraa meetira 4377kan dheeratu naannichatti argamuu. Lafa naannichaa keessaa %49 kan ta’uu qixa galaanarraa meetira 1,500 oliitti kan argamuu baddaa yoo ta’uu. Gammoojjii fi sulullii immoo lafa naannichaa keessaa % 51 qabataniiru.

Haala qilleensaa

Haalli qilleensa Oromiyaa sababa garaagarummaa ol ka’insa lafaatiin, kallattii laatiitiyudii, marsaa fi dhiibbaa qillensaa akkasumas dhiyeenya galaanarraa kan ka’ee haalawwan qillensaa gara ga¬raa qaba. Walumaagalatti gammoojjiin bahaa %30 ta’uu qillensaa gogaa qaba.

Baddaawwan xixiqqaan giddu-galeessaa fi lixa Oromiyaa %35 ol taa’an qillensaa roobaafi hoo’aa tirooppikaalii yommu qabaatan baddaawwan gurguddoon immoo haala qillensaa bulluqaa fi rooba Oromiyaa Maxxansa 4 Lak. 4 2004 11 Fuula

tirooppikaalaafi qillensaa gogaa qabu. Giddu-galeessi hoo’insa wag¬gaa naannoo Oromiyaa 19.30c yoo ta’uu gammoojjiitti immoo giddu¬galeessaan 300c ol ta’a. Oromiyaan waggaattii rooba gannaa cimaa fi rooba arfaasaa xiqqaa argatti. Facaattiin giddu-galeessaa rooba waggaa iddoodhaa iddootti garaagarummaa kan qabuu yoo ta’uu baddaawwan kallattii hundaan hir’achaa deema(mm 400 gadi).

Uummata

Naannoolee Itoophiyaa keessaa bay’ina uummataa fi bal’inaa dacheettiin Oromiyaan 1ffaa dha. Ragaan Biiroo Maallaqaafi Misoo¬ma Diinagdee Naannoo Oromiyaa irraa argamee akka mul’isutti baay’inni uummata Naannoo Oromiyaa 30,307,699 dha. Kana kees¬saa 3,951,678 kan magaala jiraatuu yoo ta’uu dhiirri 2,000,386fi dhalaa 1,951,292 dha. Uummata baadiyaa jiraatuu 26,356,021 keessaa dhiirri 13,263,699 yoo ta’uu 13,092,322 dhala dha. Uum¬mata Oromiyaa keessaa harkii caaluu baadiyyaa jiraata.Diinagdeen Naannoo Oromiyaa harkii caaluu qonnaa irraattii kan hunda’ee dha.

Uummata Naannoo Oomiyaa

Oromiyaa saboota, sab-lammootaa fi uummatoota garaagaraatu waliigalteedhaan keessa jiraata.

Amantiiwwan

Oromiyaan Naannoo Amantaawwan hedduun keessatti argamtuu fi amantootni garaagaraa wal jaalaa fi walkabajuun tokkummaan keessa jiraatani dha.

Hordoftootni Muslimaa, Ortodoksii, proteestaantii, kaatoolikii, amantiin karaa aadaatiin Waaqa ittiin galateeffatan kan akka Waaqeeffannaa ni argamuu.

Amantawwan Musliimaa fi Kiristaana duraa kan turee yoo ta’uu Waaqeeffannaan sirna amantii Uumaa/Waaqa/tokkicha qofatti amanuudha.Oromiyaa Maxxansa

Afaan

Afaan Oromoo Afaan warra Kushatik keessatti ramadama. Naan¬noo Oromiyaa keessaattii afaan hojii Afaan Oromoo ti. Kana malees, afaan oromoo Afaanota Itoophiyyaa keessatti baay’inaan dubbata-man shan keessaa isa tokko dha.

Afaan Oromoo Afaanbarnootaa ta’uun mana barnoota sdarkaa tok¬koffaa hanga yuunivarsiitiiwwaniitti Diploomaa, Digirii jalqaba fi Di¬girii lamafaatiin kennamaa jira.

Maxxansootni, tiyaatiriiwwan, fiilmiiwwanii fi TVfi Raadiyoon Afaan Oromootiin dagaaganii jiru.

Check Also

dhaloota qubee

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate Leenjisoo Horoo Elba 25, 2023 Mata-Duree …