Oduu Haaraya

Oduu ho’aa amma nu ga’e

 

Kolleejjiin Barsiisota Mattuu yeroo ammaa kanatti dhukaasa waraana wayyaaneetiin raafamaa jirti. Barattootni hedduun karaa nagaatiin gaaffiisaanii dhi’eeffachaa jiran rasaasa waraana mootummaa abbaa hirreetiin madaa’aniiru. Madaa’uun barattootaa fi dhukaasni gootota barattoota Oromoo duubatti hin deebisne.

Barsiisotni Kolleejjichaa Oromummaan shakkaman mooraa kolleejjichaa seenuu dhorkamanii barattoota waliin addaan qoodaman, uummatni magaalaas barataa waliin walitti makamuu dhorkamee waraanaan ittifamaa jira. Barataan Mootii jedhamu humnaan qabanii konkolaatarratti darbatanii fudhatanii deeman. Waraana barattootatti fidee kan reebsisaa, hiisisaa fi rukuchiisaa jiru Diinii Kolleejjichaa Tasfaayee Geetaachoo ta’uunis ibsameera. Odeeffannoo bal’aa jala buunee akka isiniif ibsinu waadaa seenna!

Check Also

duubbee

Oromo Orthodox Split: A Collision Between Politics and Faith

By Sooreettii Kadiir The formation of the Oromo Orthodox Synod signals greater shifts that have …