Oduu Haaraya

OMN diinagdeen jabeessuun akkaataa itti dandayamu hawaasa keenya mari’hachiisuuf gaafa Onkoloolessa 12, 2014

Kabajamoota hawaasa keenya Toronto fi naannoo ishii qubatu mara nageenyi keenya bakka jirtaniin isin haagayu jenna.

Ummanni Oromoo biyya anbaa adda addaa keessatti bara dheeraaf waan saba isaatifi bu’aa kennaa hedduu raawwatee jira. Yeroo gabaabduu keessatti immoo waan Hawaasa keenya biyya jiruu fi kan biyyoota alagaa keessa faca’ee jiru mara mataa olqabsiisee mataa diinaa immoo gadbuuse tokko uumee jira. Kuniis OMN(Oromia Media Network) dha. gammachuun saba keenyaa itti fuftee rifaatuun diinaas akka jabaatu lachuu akka adda cinne godhuun murteessaadha.

OMN diinagdeen jabeessuun akkaataa itti dandayamu hawaasa keenya mari’hachiisuuf gaafa Onkoloolessa 12, 2014 jila Obboo Jawar Muhammadiin durfamu magaalaa Toronto waan argamaniif jecha sagaleen tun akka hegeree qabaatu godhuun qooda hundaa gaafatti.

Guyyaan Onkoloolessa 12, 2014ti
bakki 1677 Wilson Ave Toronto plaza hotel
Yeroon 3wb

Kabajaa wajjiin

Waldaya Hawaasa Oromoo Kanadaa,

Hordofaa Gussa

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …