Oduu Haaraya

Oromoota biyya Sweden jirtan maraaf..Iyyaa iyya dabarsaa 

 
Bakka jirtanitti
Akkuma hundi keenya hordofaa jirutti “Master plan” dharaa kan wayyaaneen oromoota nannoo finfinnee buqisuun deebiftee lammii isaanii qubsisuuf diriirfachaa jirtu dura dhaabbachuun baratooni oromoo wareegama lubbuu baasaa jiran maddii hiriirree sagalee taaneefii diddaa teenya addunyatti ibsachuuf koreen hiriira kana qopheeysite irra deebitee yaamicha lammummaa kan lafaa-lafee ootaa-dhalootaa nuuf gootee jirtti, kanaafuu Stockholm bakka Segels Torg  ja’amutti kallattin walitti dhufnee akka shira wayyaanee kana gamtaan dura dhaabbachuun kitimaa lubbuu tan baratoonni keenya ulfinaa fi kabajaa lammiitiif baasaa jiranitti ulfinaa fi kabajaa goonu fi iyyinee iyya dabarsinu afeeramnee jirra guyyaan hiriirri itti geggeeyfamu jimata  caamsaa 9-5-2014 sa’aa 11.00 irraa hanga sa’aa 14.00 tahuu asumaan isin hubachiifna.
Iyyaa iyya dabarsaa yaamicha lammummaa jalaa owwaadhaa.
wareegamnni baratoota keenyaa bilisummaa biyyaati!
Gmtooman humnooman!
koree qindeeysituu hiriiraa irraa.
Stockholm

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …