Oduu Haaraya

Osoo lafaa qabu

Qotaatu dhadhabee
Rakkinaaf gadaadoon
Lammii koo dhaqabee
Rooroo itti hammatee
Lammiin koo maal dhabee
Waqnii roobuu didee
Horiin moonaa dhumee
Goottaraanis oonee
Kadhaaf manaa yaa’aan ilmaanif ayyooleen
Hundu hojii keenya waqnii maal balleessee
Halkaanif guyyaa wanyoo nu jabbeessee
Gaarii namaaf yaaduu dhisnee
Rabbii guddaa wantaa biraa qindeessinee
Moottin dhugaa hojii keenyaaf nu qormatee(2)

Ayyoo garaa dhalaa
Rakkatuu yoo maraa
Beelaa ilmaan kan keef garaan kee boorayaa
Halkaanif guyyaa yaadaan sittii dhiyaa
Nuuf rakkachuun kan kee baayee na maraaraa
Immimaan koo yaasee rabbumaa siif kadhaa!
Rabbumaan haa basuu ayyoo mindaa kan kee
Wallaahi dhugummaa jechoota sii ibsuuntu na duraa badee
Ani haa rakkadhuu harmee
Bakka kan kee
Ilmaan keettif jechaa namaa gadii taatee
Isaan jiraachisuuf kabaaf kibbaa cettee
Jireenyaa gadaadoo obsaan dabrsitee
Yaa rabbii ni gartaa maaf nutti caal’istee?
Hoongeen miidhaamanni kunoo ilmaan harmee
Daaddaffi nuf fidii rahmaan furmaata kee!

Lammii koo dhagahaa dhamsaa koo isaa dhumma
Lammiin koo rakkatee beela hoongee cimaan
Dandeetaan gargaraa lammii lammiif firaa
Dadhabdaan kadhadhaaf moottii dachiif samaa
Furmaanni waa hundaa ogguyuu rabbumaa!
BY A.S

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …