Oduu Haaraya

ABOn hunma Oromoo; Oromoon humna ABO ti – Hawwaasa Oromoo Ayelaand

Hawwaasini Oromoo Biyya Ayerlaand jiru guyyaa keleessaa gaafa 22/08/2015 Guyyaa Aadaa Oromoo bar 2015 yeroo kabajatetti haala nama gammachiisuu fi boonsuun gumaachaa maallaqaa ABOf gumaacheera. Guyyaan Aadaa Oromoo biyya Ayerlaanditti lammiiwwaan Oromoof saboblammiiwwan adda addaa bakka jiranitti waggaa waggaan kabajamaa tureera. Akkuma kanan bara kanas yeroo guyyaa kanaa lammiiwwan Oromoo ABOn humna keenya waan taeef nutis humna tauufii qabna jechuun battalumatti gumaacha maallaqaa haalaan nama gammachiisu walitti qabanii qaama ilaalatutti kannanii jiru. Kana malees gara fuula duraattis waan danda’an hundaan, yeroo barbaachiisaa taetti kallacha qabsoo mirga isaaniif kan dhaabbate ABO bira dhaabbachuuf waadaa seenanii jiru.

ABOn human keenya, abdii keenyaa, bu’uura kabaja keenya hara’aa fi borii ti jechuun, nutis hunma isaaf tauu qabna jechanii yeroo kakaumsaan gumaacha godhan kana kan arguu fi kan dhagae hundaa haalaan gammachiisaa fi hamlee kan jajjabeessu kan ture qofa utuu hin taane uummatni Oromoo mirga isaa falmachuuf har’as taee bori qophii tauu isaanii kan agarsiisu ture.

Walitti dhufeenya amma mooraa qabsoo bilisummaa keessatti godhamaa jirutti akka itti gammadaa jiran kan ibsatan yoo tau, tokkummaa dhaabota qabsaaota Oromoo qofa utuu hin taane ilmaan Oromoo kutaa fi amantiin utuu addaan wal hin baasni tokkumaa isaanii jabeessuu, sana immoo diinaa fi ergamtoota diinaa irraa dammaqiinsaan eeggachuu akka qabu yaadachiisanii jiru.

ABOn qabsoo bilisummaa akka daran finiinsee uummata keenya biyya keessaa fi alatti gartuun diinaa gidirsitu akka dafee qaqqabuu gaafachaa, ololaa diinni keessaa fi alaan ABO fi uummata Oromoo irratti hojjetuu hundaa saba Oromoon wal-tauun akka of-irraa qolatus hubachiisanii jiru. Tokkummaa, ABO fi Oromoon qooma gam-sadee tokkoo ti, kanaaf ABOn Oromoo, Oromoon ABO, ABOn Tokkummaa, Oromoon Tokkummaa qabaachuu akka qabu jala muranii ibsaniiru.

ireland2Qophiin Guyyaa Aadaa Oromoo biyya Ayelaad kan bara 2015 kun haala adda taee fi haala hoaan kan kabajame yoo tau sirbitoonni Oromoo kan akka Basiti Gammachiis fi dhihoo kana sirba hedduu jaallatame kan maxxansite sirbituu Biiftuu Gadaa Ayerlaand irraa fi meeshaa muuziqaa taphachuu fi sirbuun kan beekama tae sirbituu Yooseef Jaallataa biyya Hoolaand irraa argamee sirboota adda addaan uummata isaanii buhaarsaa fi daddamaqisaa oolaniiru.

Kabaja Guyyaa Aadaa Oromoo kanaan wal-qabatees Aadde Biiftuu Gadaa gumaacha isheen hawwaasa Oromoo keessatti nuffe, dadhabe utuu hin jedhin keesumaayyuu Guyyaa Afriikaa irratti qooda fudhachuun waldaa Oromoo biyya Ayerlaand bakka buutee dorgommii miidhaginaa yeroo adda addaatti moachuun, vidiyoo adda addaa gorsaa fi barsiisaa ta’an qopheessite karaa FaceBook raabsuun, yeroo dhihoo kanaatti immoo sirba hedduu jaallatamaa taee baastee maxxansiisuu isheetin wal-qabatee Waldaan Hawaasaa Oromoo biyya Ayerlaand jaalalaa fi galataa fi kabaja hojii isheef ibsu kan tau badhasa addaa Aadde Biiftuu Gadaaf keenneera.

Tokkumaa Umna!!

Galatoomaa
Waldaa Hawwaasa Oromoo Ayerlaand.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …