Oduu Haaraya

Prezidaantiin Oromiyaa Du’aan Boqotan

WASHINGTON,DC — Prezidaantii Bulchiisa Naannoo Oromiyaa fi Dura-taa’aa Paartii Mootummaa naannoo sanaa – Dhaabbata Dimookitaatawa Oromoo ka turan – Obbo Alamaayyoo Atoomsaa du’aan boqochuu isaanii, Mootummichi naannoo Oromiyaa beeksisee jira.

ISKINDIR FIREW – FINFINNEE irraa akka gabaasetti Obbo Alamaayyoon, dhukkuba isaan mudateen, umurii isaanii waggaa afurtamii-shaniitti Addunyaa kana irraa du’aan boqotan.

Duti Obbo Alemaayyoo wanna eegame – jechuun rakkisaa dha. Sabbaan isaa, itti-gaafatama guguddoo kana lameen baatanii haga dhiheenya kanaatti hojjetaa turan. Akka Lakkobsa Itiyoophiyaatti, Hagayya bara kuma lamaa fi lama irraa jalqabee — dura-taa’aa DHDUO yokaan OPDO, Fulbaana bara 2003 irraa jalqabanii Prezidaantii Oromiyaa ta’uudhaan tajaajilan – Obbo Alamaayyoon.  Itti-gaafama kana lameen qabatanii hojii itti fufuun isaanii — rakkoo fayyaa qaban danda’auudhaan akka tahe dubbatu – maddeen Paarticha Mootummaa.

Ibsi Mootummaa Oromiyaa irraa bahes, kanuma mirkaneessa. Waggoota lamaan dabran keessa — dabree dabree akka rakkoon fayyaa isaan mudataa ture dubbate. Taayitaa isaanii gad-lakkisuuf, ka Paartii isaanii — Dhaabbata Dimookiraatawa Uummata Oromootti iyyannaa dhiheessatan garuu dhihoo dha. Torban lama dura. Itti-gafatama Paartii fi ka Mootummaa gad-lakkisuun isaanii beeksisamee, otuu waan hin turiin immoo duuti isaanii dhaga’ame.

“Obbo Alamaayyoo Atoomsaa – Itti-gaafatama guddaa Mootummaa fi uummatni itti kenne – amanamummaa fi fedhii uummata tajaajiluu guutuudhaan hojiin mul’isaa turan” – jedha – ibsi Har’a bahe kun.

Dhaabbatni Dimookiraasawa Uummata OromooOPDO-n, walga’ii dhiheenya geggeesseen — Obbo MUKTAAR KADIR, dura-taa’aa, Aadde Aster Maammoo immoo itti-aantuu gochuun filatee jira. Taayitaa Itti-aanaa Muummicha-ministaraatiin Qindeessaa Damee Bulchiisa gaarii fi Ministara Koolejii ka ta’an – Obbo Muktaar Kadir, Mootummaa Federaalaa keessatti itti-gaafatama guddaa dha kan isaan qabatanii jiran. Kanaaf — Eenyu akka Prezidaantii Oromiyaa ta’uuf jiru haga ammaatti hin beekamne.

Obbo Alamaayyoo Atoomsaa, godinaa Wallagga Bahaaaanaa Billoo-Bosheetti Abbaa isaanii – Obbo Atoomsaa Maajoo fi haadha isaanii – Aadde Ayyelech Birruu irraa, akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti bara dhibba kudha-sagalii fi Jaatamii tokko dhalatan.

Du’a Prezidaantii Oromiyaa – Obbo Alamaayyoo Atoomsaa ilaalchisuun, nama dur itti-dhiheenyaan isaan beeku tokko LONDON irraa dubbiseen. Akka lakkobsa Awurooppaatti bara 2001 irraa haga 2006-tti Prezidaantii Mana-murtii Walii-galaa Oromiyaa ka turanii fi booda gad-lakkisanii biyyaa ba’an – Obbo Tashaalee Abarraa ti. Du’a Obbo Alamaayyootti, maal akka itti dhaga’ame nuuf ibsuun jalqabu.

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …