Oduu Haaraya

Qabsoon Murti-Guuto cimee itti fufeeraa!!

 Madda Walaabuu Press on 6/12/2014

Guyyaa ar’a magaalabn Harar iddoon Hammaareysaa jedhamu waltajjii qabsoo Afran Qalloo Oromoo akkasumaas dirree waraana Murti-Guuto taate ooluun isii gabaafamera.

Akka gabaasticha keenya jedhetti Oromoon Oromiyaa Bahaa(Afran Qalloo/Murti-Guutoon) kan qa’ee fi gandatti hafee kan jiru hin fakkaatu. Oromoon Awwadaay, Haromaayaa, Kombolchaa fi Jaarsoo irraa buqqa’ani gara magaalaa Hararitti tin’isuudhaan iddoo Hammaareysaa jedhamu marsani oolani buluun saanitifi “dhiiga gootota murti-guuto ni baafna! Lafa ilmaan keenya diinaan itti gorraa’am kun investeraaf hin kennamu! Haqni qeenya haa mul’atu!.. Kkf.” dhaadannoo jedhu dhageesisudha osoo jiranu polisoota isaan bittineeysuuf dhufee gaaza nama jaamsu ummatatti dhukaafamuun saatifi walitti bu’insi cimaan uumamuun saa himame.

Haaluma kanaan ummanni meencaa fi dhagaan polisootani ammoo qawween wallitti seenani duulli cimaan jiraachuu saa himame. Ammaas akkuma kaleetti Ar’a ganama sa’aa 12 irraa kaase hanga 9 itti makinaan gara finfinnee fi Dirree dhawaa deemu akka hin dandeenyes beekkame. Polisootni 3 fi namootni 12 garuu lakkoofsa saani yeroof sirritti mirkaneyfachu baannuus akkamlee madaawan jiraachuun beekkame humni polisi godina harargee bahaatirrab dirmannoof naanoo Hararif dabbalamuun sactis beekkame. Magaalaan Harar haala sodaachisaa keessa jirti. Jechuun agabaasaan keenya odeeyfannoo nuun gahe jira.

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …