Oduu Haaraya

Sabboonummaan Oromoo akkamitti hubatama?


Berhanu Hundee

Mata duree kanaan barreeffama gabaabaa kana akkan dhiyeessu kan na taasise, gaafii fi deebii BBC Afaan Oromoo dhihoo kana Oromoota lama, Dr Ittaanaa Habtee fi Dr Birhanu Leenjisoo, waliin godhee tokko dha. https://www.youtube.com/watch?v=Qx0Aoyn4n4A  Asirratti yaada kiyya osoo hin ibsin dura, gaafii dhiyaate fi deebii namootni lamaan kun kennan kunoo akkana ture.

GAAFIIN:  MM DR ABIYYI, SABBOONUMMAA OROMOO GARA SABBOONUMMAA BIYYA BULCHUUTTI CEESISAA JIRU JETTEE YAADDAA?

Deebii Dr Birhanu Leenjisoo:

“Eeyyen, Maaliifii? fakkeenyaaf Inni amma fakkeenyaaf carraa biyya bulchuu yeroo duraatiif namni Oromoo ta’ee, ani Oromoo dha jedhee sadarkaa sanatti oldhufee, Sabboonummaa Oromoo amma tokko naannoo sanatti calaqqisiise isuma. Seenaa kana dura hin turre sanaa fi seenaa har’aa kana walitti fiduudhaaf namoota kan akka nagatiiv naashinaalizimii ofirraa dhiibu sanatti ofirraa dhiibatee achi taa’uu hin danda’u. Accommodate godhuu danda’uu qaba; compromise godhuu danda’uu qaba. Karaa saniin yoo laalle, naationaalisimi Oromoo gara naationaalisimi bulchinsa biyyattiitti ceesisaa jira jedheen amana, dhugaa dha.”

Deebii Dr Ittaanaa Habtee

“Calqaba, Namni kun Sabboontummaa Oromoo beekaa’ii? Isa jedhurraan ka’a ani. Dr Abiyyi akka hubannaa kootittii, Sabboontummaa Oromoo yeroo namootni jedhan dhaga’e malee, maal akka ta’eeyyuu hin beeku. Wanta inni hojjetu, dubbii inni dubbaturraa yeroo hundumaa kanan dhaga’e maalii innii? Dr Abiyyi mana Oromoo keessatti, kaampii Oromoo keessatti, kaampii sabboonummaa Oromoo keessatti keessummaa dha, hin beeku, yaadota achi keessa jiran. Kanaafiitu utuu hin beekin fakkeenyaaf utuu Oromoo kana loluu utuu hin barbaadin takka takka dhaqee wanta itti bu’uun irra hin jirretti dhaqee ittibu’a.”

Duraan dursee, akka yaada fi laalcha ykn hubannoo kiyyaatitti, deebii Dr Birhanun kenne fi kan Dr Ittaanaan kenne walbira qabee yoon laalu, kan Ittaanaa guutumaa guututti quubsaa fi waan dhugaarratti hundaa’e yommuu ta’u, kan Birihanu garuu tokkoffaa quubsaa miti; lammaffaa waan inni ibsuu yaale tokko tokko gaafii dhiyaate wajjin hin deemu. Birhanun gaafii dhiyaateef sanaayyuu waan hubate natti hin fakkaatu jechuu kooti. Gaafii dhiyaateef dhiisee isa kanaa ala haasa’a waan jiru fakkaata. Akkamitti? Mee deebii inni kenne keessaa tokko tokkoon haa laallu.

1) “… carraa biyya bulchuu yeroo duraatiif namni Oromoo ta’ee, ani Oromoo dha jedhee sadarkaa sanatti oldhufee, Sabboonummaa Oromoo amma tokko naannoo sanatti calaqqisiise isuma.”

kan jedhu haa laallu:

Eeyyen, dhugaa dha. Carraa biyya bulchuu keessatti namni Oromoo ta’e tokko taayitaa guddaa kana argachuun yeroo duraa ti. Haa ta’u malee, MM Dr Abiyyi akka dhuunfaatti taayitaa olaana kana haa argatu malee; yookaaniis cimina Sabboonummaa Oromootiin carraa kana haa argatu malee, Sabboonummaan Oromoo sadarkaa kanaan isa gahe kun guddatee fi dagaagee gara Sabboonummaa biyya bulchuutti akka ce’u taasisuun hafee kanuma jiru kanaayyuu qancarsuuf yaalii godhaa akka jiru dhugaa lafarratti mula’tuu dha. Kanaafuu, deebiin Birhanu kun akka hubannoo kiyyaatitti sirrii miti.

2) “Seenaa kana dura hin turre sanaa fi seenaa har’aa kana walitti fiduudhaaf namoota kan akka nagatiiv naashinaalizimiin ofirraa dhiibu sanatti ofirraa dhiibatee achi taa’uu hin danda’u. Accommodate godhuu danda’uu qaba; compromise godhuu danda’uu qaba…”

kan jedhu yoo laalle immoo,

Tokkoffaa, kun sirumaa deebii gaafii dhiyaate sanaa ta’uu hin danda’u. Waan godhuu qabu ykn irraa eegamu waan ibsu fakkaata malee, Dr Abiyyi Sabboonummaa Oromoo gara Sabboonummaa biyya bulchuutti ceesisuuf yaalii akka godhu hin agarsiisu. “…Accommodate godhuu danda’uu qaba; compromise godhuu danda’uu qaba” kan jedhu kana cuunfanii laaluun gahaa dha. Kuni gorsa fakkaata. Haa ta’u malee, amanamus amanamuu baatus, akka hubatamaa jirutti, Dr Abiyyi isa kana godhaa hin jiru; faallaa kanaatu mul’achaa jira.

Lammaffaa, “akka nagatiiv naashinaalizimiin ofirraa dhiibu sanatti ofirraa dhiibatee achi taa’uu hin danda’u.” kan jedhu kun haala amma jiru wajjin hin deemu. Dr Abiyyi wanti inni kallattiidhaanis ta’ee al-kallattiidhaan hojjechaa jiru isuma kanaa bar!!! Maaltu kan dur sanarraa adda godha?? Kun hubannoo dhabuu ykn osuma beekuu dhugaa jiru jallisuu fakkaata.

Walumaagalatti, deebiin Dr Birhanun kenne quubsaa ta’uu dhiisuu qofaa osoo hin taane waan dhugaarraa fagaate dha jedheen amana. Namni tokko dhimma tokko akka hubannoo fi laalcha isaatitti ibsuun mirga abbaa sanaa ti. Haa ta’u malee, dhugaa har’a biyyattii tana keessatti lafarratti mul’achaa jiru haaluun hin danda’amu. Jaalannus jibbinus, amannus amanuu baannus, fudhannus dhiisnus, dhugaan lafarra jiru fi ifaa ifatti mula’achaa jiru waanuma Dr Ittaanaan ibsee dha jedheen yaada, amanas. Akkuma Ittaanaan jedhe, Dr Abiyyi Sabboonummaa Oromoo dhugumatti hubatee jiraa??? Kanuma dubbiin!!!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

2 comments

  1. Abduljabbaar Muhammad

    Dr. Ittaanaa Habtee Anis nan deeggara.
    Gaafa Sagantaan Gaafii fi deebii Isaan lamaan gidduutti BBC dhaan taasifame Sana kallattiin dhaggeeffachaan Ture, baay’een gammade. Gochi Dr Abiy sabboonummaa Oromootiin kan walitti hin Dhufu Haala amma godhamaa jiruun.

  2. Abduljabbaar Muhammad

    Anis Dr Ittaanaa Habteen deeggara.
    Gaafa Sagantaan Gaafii fi deebii BBC dhaan taasifame Sana kallattiin dhaggeeffachaan Ture, baay’ee na dinqe ibsi Dr. Ittaanaa