Oduu Haaraya

SOBNI DHIIGA HIN QOORSU

 

Labsiin doorsisuu kaleessa galgala baafte diddaafi murannoo Oromootaatin kan simatame Wayyaaneen, ammas kijiba biraatin as baate. Kunis ‘biiroon Maastar Pilaani cufame’ kan jedhuudha. Kijiba kanaa kan as baafte kijiba Abbaan Duulaafi Muktaar as fidan ragaa qabatamaa Maastar Pilaaniun hojirra oolaa jiraachuu agarsiisu kaleessa erga maxxansinee booda. Akkuma yaadattan Abbaaan Duulaa ” Maastar Pilaaniin bara 2006 ALH irraa kaasee hamma ummanni mari’atuu dhaabbataa jira jedhee sobe.
Sun soba ta’uu bariisama san ragaan dhufe. Kunis Maastar Pilaniin dhaabbachuu mitii daranuu jabaatee itti fufuuf beeksisa qaxarrii hojii gaazezaa addis Zaman irratti baasuun beekame. Kijibni sun guyyaa adii saaxil baanaan amma kijiba biraa kan sanirra guddaa irratti dabalan. Kunis soba ta’uu maalin beeyna?

Waajjirri Maastar Pilaaniin bara 2006 akka hin diigamin ragaa kumaaa-kitilatu jira.
1) Waajjirri kun bara 2007 keessa yoo cufamee jiraata bara 2007 baajanni birrii 30,424.847 maalif ramadamee? Bara 2008 hoo maalif Birrii 33, 511,595 akkamiin ramade? ( ragaalee asiin maxxananii jiraan laalaa)

2) Beeksisa hojii kana kan baase namoot mootummaan hin beekne kan jedhameef; mee rabbii jedhaati beeksifni waajjira mootummaa tokko gaazexaa mootummaa irratti beekkamtii mootummaatin ala, biyya Itoophiyaa keessatti bahe yoo isinin jedhan bishaaninuu liqimsituu laata?

3) WaajjirrI Maastar Pilaanii waggaa lama dura cufame jedhame Wiixata dheengaddaa banaa turuuun shakkii miti. Kana ammoo dhihotti ragaa qabatamaan as baafna.

Wayyaaneen lafa ummata keenyaa saamuunn hanqatee dhiinga obboleeyyan keenyaa dhugaa jirtu dhugaa Oromootitu joonjessaa burjaajessaa jira.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …