Oduu Haaraya

Univarsitii Haroomayaa ummata keenya ni fayyadde moo itti fayyadamte?

Baruumsi bu’ura jireenya ilma namaati. Barnoonni bu’ura waa hundaati. Manni barnootaa naannoo kee jiraachuu jechuun carraa guddaadha, keessattuu Univarsitiin ganda kee jiraachuu jachuun hiree ajaa’ibaati. Namni baratee fii hin baratin tokkoomiti. Bakki barnoota irraa qicatan mana barnootaati. Haatahuu ummanni naanno san jiraatan ammallee harki guddaan akkuma akaakilee isaanii akaafaa, dongoraa yookaa marashaan lafa qotataa jiraatan.

Waanni bira haa hafuu dafkaa akaafaallee akka duuydaa fii mudhii isaa isa hin miinetti mijjeeyfatee takkaa dheereeyfatee if fooyyeessullee hin dandeenye. Meeshaan Qotiyyoos isuma akaakilee fii abbbaan isaa ittiin qota ture malee waan fooyyawe hin qabu. Haaja isaallee manuma duubaa fii gaaraan dhaqata malee boolla akka qabdu takkallee qotatee mijjeeyfachuu hin barre. Duuba bu’aan Univarsitiin Haroomaayaa ummata naannoo saniin shir je’ee jiraatuuf bu’aa buufte jira? akka isaan jireenya isaanii akka fooyyeessan gootee jirtii?

universitii haroomaayaa

Mooraan univarsichaa bareedina faaruu qarxam. Fokkonni naannoo isii lakkaawamee hin dhumu. Tarii Hayyootaa fii barattoota ummata akka itti cunqursanii saaman oomshte gandarra raabsite moo maali wanti saa? moo ummata naannoo san jiruuti itti fayyadamuu wallaale? Hundaafuu Galamsoo Wood waan kana waraabdee ummata garsiisuu keetiif GLT dhaamsa keeny

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *