Oduu Haaraya

Uummanni Oromoo Maal Narraa Eegduu?

Haasaya Muktaar Kediir!

Garatuu Harree Nabaachisee!
Lammii kootiin Diina na taasisee!
Diina kootiin fira na taasise!
Du’aa fi hidhaa laammiiwwan koo na dandeessise!
Kanatu Godinalee oromiyaa keessa na naannessee!
Barattoota fi dargaggoota oromoo rasaasa diinatin na harchaasisiise!
Isa kaanis osoo jiru jiraa isaa mana dukka lafa jalatti awwaalchisiise!
Anaa fi dhaabni koo OPDO teenne waa’ee garaa yaanna!
Waa’ee sabaa fi biyya keenyaa yaaduuf yoom yeero qabnaa!
Kanatu bada! kanatu! mishaa jenne filanno saba keenyaa!
Eegsisuu hangoos itti hin qabnuu nuu baraa!
kan dhaabbaneefis isiniifi miti garaa fi diina ta’uu baraa!
Nurraa waa tokkollee hin eeginaa isinumitti mala keessan malaa!
Nuti dalagaa keenya itti jira!
Ajjesisiisuu fi qalchiisuu!
Isa kaanis jiraa awwaalchisuu!
nuu milka’aa taanaan harree ofii baanne isinittis baachisuu!
Garaa keenya guunne isin agabuu bulchuu!

sabboontonni ilmaan Oromoo dubbisaa waliif dabarsaa! (like and share)

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …