Taammanaa Bitimaa irraa
Yaa Guyyaa Haadhaa
Yaa guyyaa faayaa
Kan Caamsaa bara kanaa
Haadholii addunyaatii guyyaa gammachuu
Kan jiruu fi jireenyaaf walabdachuu!
Haadholii Oromiyaatii guyyaa gaddaa
Kan roorrisaan akkaan nama sardaa
Guyyaa booyichaa fi imimmaanii
Kan garaan gubatu mardhimaanii!
Maal boowuu danda’u?
Maal obsuu danda’uu?
Haadholiin Oromoo
Kan sabaa kan qomoo
Ilaa, imimmaan-saanitu dhagala’aa
Kunoo, torban lama guutuu galola’aa!
Ijoollee saanitoo rasaasaan harca’ee
Dhiigni-saanii-woo bakkattuu faca’ee
Yeeyyiin jaraa lafee-saanii quuftee
Allaattiin gaaraa dhiiga-saanii xuuxxe.
Oromiyaan dhiiga-saanitiin jiitee
Kichuuwwanitti ganamaan aduun dhiitee
Nagaan nagaaf bayanii
Nagaan galuu daddhabanii
Warra abbaa qawweetiin
Jara afaan jawweetiin
Liqimfamanii alatti hafanii
Kuunnoo, ta’eef alaabaan qabsoo kafanii!
Akka durii harmilee Oromootii
Barana maal kennina?
Silaa ililliinoo harcaatee
Ilillii maalii qabna?
Ililliin dhiiga taatee
Maal isaanii geessina?
Onnee teenya madoofte
Maalum goonee gonfina?
Haayyolee mee hin booyinaa
Haadholee hin gadoodinaa
Amma gayee hin booyinaa
Amma gayee hin gaddinaa
Imimmaan keessan
Gara abdii qabsootti jijjiirraddhaa
Gadda keessan
Gara bilisummaatti geeddaraddha!
Siiqqee keessan qabadhaa gadba’aa
Alaa-manaa oljedhatii walta’aa
Imimmaan booreen nurraa qoorsaa
Sabbataan qalbii cabde nuu hidhaa
Tokkummaa biyyaa ammum nuu fidaa!
Hardhaa qabee dhiira oliigad fiffiigu
Isa tokkummaa sabaa diddiigu
Isa ammallee diina jala sussuku
Isa hardhallee biyya ofii guggubu
Aadaa SIIQQEE-tiin nutti deebisaa
Coqorsa qapphaatii nu eebbisaa
Aadaa GADAA-tiin wal-nu-taasisaa
Joollee teenya dhumarraa hanqisaa!
Barliin, 11. 05. 14
HUBACHIISA: walaloon kun haadholii Oromoo ijoolleen isaanii jalaa galaafatamteef, jabinaa fi obsa haa tahuufi! Dabalees akka uummanni Oromoo guddichi kun, biyyaa fi alaa waltahuun, karaa hundumaa ijaaramee wal-ijaaruun, karaa hundumaa hidhatee wal-hidhachiisuun, bilisummaa fi walbummaa isaa akka gonfatuuf haa hamileessu! Kana irrattis Abdiisaa Guutuu, mucaa waggaa sagalii kan rasaasni Wayyaanee nu jalaa nyaatteef, yaadannoo haa tahu!
Walaloon kiyya kun akka Oromoonni biyyoota alaa jiran, horoo walitti qabuun siidaa Abdiisaaf ijaarsisan, eekaa daggala inni ajjeefamee itti-gatame sana, Laga Gudar irratti haa ijaaramuufi! Oromoon koo waan kana gadi-lalaaffisee ilaaluu hin qabu. Kun akkuma nu Oromoota qalbii fi onnee teenya shororkeesse, kan addunyaallee shororkeessa. Yaa Oromoo mucaan keessan yookaan mucayyoon teessan inni/ ishiin qixisuu meeqa umariin isaa/ ishii? Kan kiyya amma waggaa torba. Abdiisaan keenya waggaa lama duwwaa isa caala jechaa dha. Wanni ginni-bittee Habashaa nu irratti adeemsisee fi kan ammallee nu irratti adeemsisaa jiru kun mee, waan dubbifneetuma bira dabarruu mitii! Kun kan ilkaan ciniinnachiisee ol nu kakaasu, kan caala nu tokkoomsee qabsoof nu tarkaanfachiisu tahuu qaba!
*************** // ***************