Oduu Haaraya

Uummatni hidhaa fi reebichaan saree iyyuu ni xiyyoomsa malee duubatti nu hin deebinu jechuun sirna mootummaa abbaa irree kanaaf hin ajajamnu jechuu mormii isaanii jabeessan.

(Sagalee Bilisummaa Oromoo – Hagayya 06,2015)

Hagayyaa 5/2015 Oromiyaa Lixaa Godina Ambootti uummatni Oromoo walga’ii Sochii Qeerroo fi uummaataa dura dhaabbachuuf Wayyaaneen aanota Godinichaa irratti qopheessuun uummata afaan fajjessuuf godhu kamuu lagatan.

Godina Amboo aanaawwaan garaagaraa godinicha jalatti argamaan keessatti uummaatni walga’ii bifa kamiin iyyuu mootummaan EPRDF/TPLF fi ergamtuun wayyaanee OPDO’n gaggeessituu irraa qooda fudhachuu lagatan.

Mootummaan wayyaanee maqaa sochii Qeerroo bilisummaa Oromoo fi Uummata Oromoo dura dhaabbachuu jedhuun, akkasumas uummata nuun mormaa jiruu hidhaa fi qarshiin adabuun dorsifnee bulchina jedhuun uummata Oromoo gooluu irratti kan xiyyeeffate butachuun gandoota baadiyaa hanga magaalaatti ”uummatni keenyaa walga’ii wayyaaneen haala kamiin iyyuu gaggeessituu kam irraa iyyuu qooda akka hin
fudhannee” jechuun murtii qeerroon bilisummaa Oromoo dabarsee fudhachuun bakka hundatti walga’ii wayyaanee kam irraatti hirmannaa hin goonu, jechuun dabballoota wayyaanee bulchitoota Aanaa fi Magaalaa dura dhaabbachuun qaanessaa jiru.

keessattuu diddaan walga’ii wayyaanee lagachuu kun aanoota akka Midaa Qanyii, Geedoo, Iluu Galaan Ijaajjii, Tokkee Kuttaayee Gudar, Xiiqur Incinnii, Amboo fi Magaalaa Amboo, Dandii,Giincii, Jalduu, Meettaa Roobii, Gindabarati, fi Adaa’aa
Bargaa, irratti duulli walga’ii wayyaanee lagachuu jabaatee itti fufeejira.

Mootummaan wayyaanees yeroo amma kana mormii uummatni karaa nagaa gochaa jiru kana irraa ka’uun tarkaanfiilee kanneen akka waajjira poolisii aanaatti murtii fi himata malee hidhuun dararuu fi qarshiidhaan adabuun gochaa diinummaa uummata Oromoof qaban ibsacha jiru. Kana malees sochii diddaa uummataa kana kan nurratti gaggeessaa jiran Qeerroo barattootaa Oromooti jechuun hordoffii addaa barattoota irratti gochaa jiraachuun saaxilame.

Addatti immoo aanaa Midaa qanyiitti mootummaan wayyaanee uummatni guutummaatti sirna wayyaanee abbaa irree kana jalatti dhiitamaa hin bullu jechuun murteeffachuun diddaa isaanii jabeeffatanii waan jiraniif barattoota Oromoo kutaa 9ffaa fi 11ffaa uummata kakaasaa jirtu jedhamuun Barattootni Oromo 12 waajjiraa Poolisii Aanaa Midaa qanyiitti humna poolisii federaalaa fi kora bittinneessaan qabamanii hidhaman. barattootni hidhaman kunis:

1. Barataa Tolasaa Tashoomaa
2. Barataa Badhaasaa Taakkalaa
3. Barataa Warquu Takkalaa
4. Barataa Gammachuu Xuuqur
5. Barataa Dinqaa Xuuqur
6. Barataa Shallamaa Guutamaa
7. Barataa Guutamaa Caalumaa
8. Barataa Caalasaa Tarfaa
9. Barataa Iddasaa Deesisaa
10. Barataa Mul’isaa Farajaa
11. Barataa Geetuu Tamee kanneen kessaatti argamaan uummata mootummaa keenya irratti kakkasaa jirtuu jedhamuun badii tokko malee hidhamanii dararamaa jiraachuu fi uummatni aangawoota wayyaanee seerri hin beekne maqaa Kumaad Post jedhamuun ijaaramee uummata goolaa jiraachuu maddeen keenyaa Ballammii irraa gabaasan.

Uummatni hidhaa fi reebichaan saree iyyuu ni xiyyoomsa malee duubatti nu hin deebinu jechuun sirna mootummaa abbaa irree kanaaf hin ajajamnu jechuu mormii isaanii jabeessan.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …