Oduu Haaraya

VOA: Hiriirri Mormii Barattoota Oromoo fi Uummataa Itti fufe

Namoo Daandii

 

Caamsa 2, 2014, WASHINGTON, DC (VOA Afaan Oromoo) — Magaalaaleen addaa naannoo Fifnfne mootummaa Federaalaatiin fudhatamee Finfinnee jala galuu hin qaban, Finfinnee keessatti mirgi dantaan addaa heeraan Oromoof eeyamame Oromoof haa kennamu kanneen jedhaniif gaaffilee kanneen biroo kan dhiyeessan barattoonni Oromoo Hiriira   har’as Universitiiwwanii fi manneen barnootaa adda addaa keessatti mormii dhageessisuu itti fufaniiru.

Kanneen keessaa Universitii Haromaya, Tajii, Buraayyuu, Sabbata, mandii Bishooftu, Geesoo, Midaa Qanhii, Geedoo, Aira fi Noolee haga tokko. Hoogganoota gareelee mormituu dabalee bakkaawwan adda addaa irraa namoonni ibsa nuuf kennanii jiran. Kan itti aanaa barreessaa kongresa federaalawaa Oromoo obbo Dejejne Xaafaa Kanneen ibsa nuu  kennan keessaa tokko turan.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …