Oduu Haaraya

Waamicha Kabaja Guyyaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)!

 

Tokkummaan Baratoota Oromoo Jarmanii damee Bayern (TBOM) fi damee Hessen (TBOH) waliin ta’uudhaan guyaa Waraana Bilisummaa Oromoo kabajuudhaaf waamicha ulfinaa dabarsina.

 

Akka hirmaattaniif kan afeeramtan:

  1. Miseensota TBOM fi TBOH hundumaa
  2. Hawaasa Oromoo biya Jarmanii jiran
  3. Oromtittii
  4. Miseensota Oromoo dhaabaa amantaa garaa garaa  fi
  5. Miseensota Oromoo dhaabaa siyaasaa garaa garaa

     

    Guyyaa: 18.01.2014

     

    Teessoo: Johann Wolfgang  Goethe-Universität Frankfurt am Main

    Grüneburgplatz 1

    60323 Frankfurt am Main

     

    Sa’a: 13:00 tii eegalee

     

    Guyyaa kanatti sagantaaleen garaa garaa akkasumas barumsa fi marii hirmaatotaa dabalatee kabaja guyaa WBO ilaalchisee waan geggeefamuuf guyyaan kun akka isin hin darbine isin yaadachiifna.

     

     

    Akkaata itti bakka sagantichaa adeemamu:

    U-Bahn lakkofsa 4 Frankfurt am Main: Hauptbahnhof irraa qabatanii gara Frankfurt- Bockenheimer Wartejehutti buufata tokko qofa bira darbitanii buufata lammaffaa /dhuma irratti  buutanii gara Universistitti ol baatu.

    Achitti nu argattu!

     

    Koree hojii geggeesituu damee Bayern fi Hessen irraa:

    Galatoomaa!

     

    ww.tboj.de

    Yaada dabalataa yoo barbaaddan:

    (+49) 0157-31478427, 0152-10158745) quunnamaa.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …