Oduu Haaraya

Walitti-bu’insa Harargee Bahaa, Magaalaa Awwadaay Keessaa Ka’een Namoota Ja’a tu Ajjeesame, Jedhu Jiraattonni. Hospitaalli Immoo Du’a Namoota Afurii Mirkaneesse

Jaallannee Gammadaa

Afaan Oromoo

Amharic

8E42EEB9-B2D3-434C-AFCB-A4976ED00D6F_w987_r1_s

Awwadaay, Oromiyaa

Godinaa Harargee Bahaa magalaa Awadaay keesssatti har’a suqiin bilbila harkaa ykn Moobaayiilaa itti gurguramuu fi suqiin Firaashii itti gurguran ennaa gubatetti jiraattonni magaalatti dhaamsuuf carraaqqiin godhan ituu hin milkaa’iin hafe.Sana booda aangawoota DH.D.U.O naannoo sana dhaabataa turan gargaarsa gaafanne iyyu nutti kolfuu bira taree birmannaan godhan waan hin jirreef mufannaadhaan”isin duruu nuuf hin dhaabanne” jechuun waan wacneef bilbilaan waraana nutti waaman, jedhu – jiraattonni.

Jalqaba kan dhaqqabe polisii Oromiyaa ti, san boodas polisiin Federaalaa waraana biyyaa dursee dhaqqabe kan jedhan jiraattonni kun, kanuma giddutti dura ta’aa araddaa 02 kan ta’an Obbo Abdii Idriis dhukaasuun mucaa durbaa umriin waggaa 7 dabalatee namoota 3 ajjeesan, jedhu. Miseensa waraana biyyatti kan ta’e Mohammed Abbaa Qaasim dhalataa naannoo Malkaa Bal’oo yoo ta’u innis nama 3 ajjese jedhan jiraattonni.Kana booda jiraattonni magaalaa fi baadiyyaa yaa’anii dhufuun inni nama keenya ajjesee du’uu qaba jennaan kokolaataa waraanaan milqsanii baasan jedhu.

Ajjechaa magaalaa Awadaay keessatti gaggeeffame kana kan ilaaleen aangawoota bulchiinsaa fi itti gaafatamoota waajiira polisii kan sadarkaa adda addaa arguuf bilbila harka isaanii irratti yaaliin goone hin milkoofne. Garuu, Hospitaalli Haramaayaa ibsa nuuf kenneen ijoolleeen 4 rasaasaan rukutamanii du’uu kanneen biroon 3 immoo mada’anii wal’ansa argataa ka jiran ta’uu mirkaneesse.Gama kaaniin jiraattonni akka jedhanitti hunduu gara Hospitaala Haramaayaatti waan hin geeffamniif jecha lakkoofsi namoota ajjefamanii kana caaluu isaaf shakkii hin qabnu jedhu.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …