Oduu Haaraya

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaatti humnoota mootummaarratti injifannoo gonfachuu beeksise.

WBOn humnoonni mootummaa hedduunis bakkeewwan garaagaraatti fedhiin isatti makamaa jiraachuu himeeti jira.

WBOn akka jedhetti,  Cibraan Madda Walaabuu Buttaan Jeneraal Waaqoo Guutuu fi Cibraan Hambaa Aanolee Buttaan Leenjisoo Diigaa Baalee fi Arsii Bahaa keessa socho’u waliin ta’uun tarkaanfii fudhataniiti jiru.

Godina Arsii aanaa Shirkaa ganda Leemmuu fi Xijoo keessatti humnoota mootummaa sakattaaf bobba’an irratti kaleessa tarkaanfii fudhatameen loltoonni mootummaa 25 ajjeefamuu WBOn beeksiseeti jira.

Warreen ajjeefaman keessaa dabballoonni aanaa waraana mootummaa waliin bobba’anis akka keessatti argaman himeeti jira.

Kana malees loltoonni mootummaa 40 caalaan madaa’uu WBOtu hime.

Qawween digdamni hidhannoo guutuu waliin, shugguxiin lamaa fi maallaqnis booji’amuu ibseeti jira.

Poolisoonni sadii fi milishaan tokko immoo booji’amuu eagaan viidiyoo waraabame ni mul’isa. Bifuma walfakkaatuun humnoonni mootummaa bakkeewwan garaagaraatti Waraana Bilisummaa Oromootiin booji’amaa jiraachuun ibsameera.

Salaale godina Shawaa Kaabaa aanaa Waacaaleettis milishoonni mootummaan bobbaase meeshaa waraanaa waliin booji’amuu ragaaleen waraanaa mul’isaniiti jiru.

Humnoota mootummaa waraana keessatti booji’amaniin ala loltoonni hedduunis fedhiidhaan gara Waraana Bilisummaa Oromootti makamaa akka jiran WBOtu beeksise.

Lakkoofsi loltoota mootummaa WBOtti makamaa jiranii yeroo gara yerootti dabalaa akka jirus beeksiseera.

Kana malees WBOn qabsaa’ota haaraa hedduuf leenjii loltummaa fi siyaasaa kennaa akka jiru tibba kana himeeti jira.

Maddi OMN

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …