Oduu Haaraya

Washigton Dctti kan argamu Embasii Ityoopiyaa keessatti har’a dhukaasi banamee jira.

Haala isaa hordofuuf gara embasichaatti kan imale odu gabaasaan VOA dhukaasi lama kan irraa dhaga’amu vidiyoo lama daawwachuu isaa ibsee jira. Har’a waaree irratti Itiyoopiyaa gama dhiyaa keessatti raawwatama jira kan jiedhan dhiittaa mirga namaa ilaalchisee hiriirtota mormii dhageessisuuf ba’an dallaa embasichaa keessatti argamaniiru. Humni naga eegumsa embasichaa yeroo kanatti shugguxii harkaa baasuu dhaan gara samiitti ennaa inni ol qabu namoonnis ennaa itti dhiyaatan argamaniiru.

Booda irra gara namoota sanaatis qabuu isaa suraa sana irraa argamee jira. Dhukaasa sanaan namni miidhaan irra ga’e kan hin jiraanne ta’uu poolisiin Washington DC kan beeksise yoo ta’u kan dhukaases itti gaafatamaa human naga eegumsa embasichaa Solomon Wediaynii humnootii basaasa Yunited Isteetsiin gaaffii fi to’annaa jala oolee jira.

—mee mari’adhaa—-

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …