Oduu Haaraya

Wonbadeen Hin Dhiiftuu..!

Facebook

Hamoommota taanee
Bara maraa yaana
Gaafa guyyaan geette
Taphaan ala taana!
Wonbadeen hin dhiiftuu
Tan bosona yaate
Dimokiraasi jedhaa
Lafarraa nu haaddee
Yaa lammii arginee
Dimokiraasii jaraa
Karaan kun nu hin baasuu
Hidhannotu falaa
Worri qawwee baree
Qawwee malee hin bu’uu
Bilisummaan sabaa
Kanaan malee hin dhufuu
Bara dhufee-darbuu
Nu saamaa moo’attii
Hamoommota taanee
Hoo’ifnaaf maaddii !

Amma gahee agarree
Dimokiraasi isanii
Karaan kuni nu hin baasuu
Haa jijjirruu daandii
Nuti hamoommotaa
Abbaan cidhaa jaraa
Dabaala tolchinee
Sirbinaa ashilaa
Amma nutti haa hafuu
Filannoon kijibaa
Qabsootti haa kaanuu
Nuti abbaan dhimmaa !!!

Check Also

kfo

Walii galtee biyyaalessaarraa baqachuun gaaga’ama biyya keenyaa rakkisaafi wal-xaxaa taasisaa Jira

Haala Yeroo Ammaa Itoophiyaa Keessa Jiru Ilaalchisee Ibsa Kongiresii Federaalawaa Oromoo-KFO (Oromo Federalist Congress – …