Oromia Communication Bureau
———–
Heera Mootummaa Federaalawa Dimookiraatowa Rippaabilika Itoophiyaa keewwanni 87(3) jalatti, Raayyaan ittisa biyyattii birmadummaa biyyaa eeguuf hundaa’e. Kewwata xiqqaa 4 fi 5 jalattis Raayyaan ittisa biyyaa yeroo kamittuu kan heerichaaf bitamu ta’uufi hojiisaa akkaataa gartummaa dhaabbattoota siyaasaa kamirraayyuu bilisa ta’een hojiisaa akka hojjetu kaa’a.
Raayyaan Ittisa biyyattii diina alaa itti dhufu biyyaafi ummatarraa tiksa jedhamee hirmaannaa saboota sablammoota biyyattitiin ijaarame kun garuu kaayyoo dhaabbateef kanaan ala yeroo adda addaa dogoggora seenaa ummatarratti yommuu raawwatu mul’ata.
Heerri kun akkaataa keewwata 8 (1-5) jalattis birmadummaa ummata biyyatti ilaalchisee ibsameen ammoo Saboonni, sablammoonnifi ummatoonni Itoophiyaa abbootii aangoo birmadummaa Itoophiyaatii jedha.
Heerri kun seera ol’aanaa biyyattii ta’ee bakka jirutti, abbaan aangoo ummata biyyattii ta’ee osoo jiruu, murtee qaama mootummaa kamiinuu ykn abbaa taayitaa kamiinuu dhimmoonni heera kanaan walfaallessan raawwatamuu bakka hin qabnetti raayyaan ittisa biyyaa daangaa aangoosaa malee birmadummaa mootummaa naannoo tokkoo cabsee ummata keessa seenuun ummatarratti miidhaa geechisaa jira.
Kanaaf fakkeenya gaarii kan ta’u ajjeechaa saba Oromoorratti raayyaan ittisa biyyaa itti gaafatamummaan itti hin dhaga’amne muraasni tibbana Aanaa Meettaa Magaalaa Calanqootti raawwateedha. Yakka jimlaan ajjeechaa raayyaan ittisa biyyaatiin Calanqootti raawwatame duuba eenyutu jiraa? Qaamni kana ajajaes eenyudha? Gaaffiin kun uummtaaf deebi’uu qaba. Gocha kana duuba kan jirus saaxilamuu qaba. Seerattis dhihaachuu qaba.
Akka biyya keenyaatti, Ajajaan raayyaa ittisa biyyattii Muummee ministira biyyattiiti. Yaakki raawwatamu kun beekamtii isaatiin ala yoo ta’e dhimmicha qoratee tarkaanfi barbaachisaa ta’e fudhachuu kan danda’us isa ta’ee bakka jirutti yakki kun irra deddeebi’ee yemmuu raawwatamu ammo yakkicha raawwatamuuf beekamtiin kennamuu agarsiisa.
Raayyan ittisa biyyaa mootummaan Naannoo Oromiyaa akka naannicha seenu waamicha osoo hin taasisiniif birmadummaa abbaa aangoo uummata naannichaa sarbuun yakki raawwateefi raawwachaa jiru olaantummaa heeraafi seera biyyattii kan cabseedha. kana yeroo jennu raayyaan ittisa biyyaa hundi rakkoofi ilaalcha hin taane qaba jechuu miti quuqama uummataa kan qaban akkuma jiran ta’e jedhanii miidhaa geessisaa kan jiranis qabatamaatti mul’ata.
Waan ta’eefis nageenya uummataa eegsisuurra rakkoo kana kan uuman seeraan gaafatamuu qabu. Lubbuu jumlaan Calanqoorratti balaa sirna darbe keessa raawwatameen madaan Oromoo osoo hin fayyin lammaffaa seenaa gurraacha kaleessa raawwatame ammas eddoo biraatti babal’atee raawwatamuunsaa hin oolu.
Mootummaan naannoo Oromiyaas sadarkaa kanatti xiyyeeffannaa kennee ilaaluun furmaatasaaf kallattii kaa’uun hojjechaa akka jiru murteessee itti deemaa jira. Raayyaan ittisa biyyaa kaayyoo dhaabbateef dagachuun ogummaasaa malee uummata keessa galuun saba unkuruun, kaayyoo eenyuu galmaan gahuuf akka ta’e adda bah’u qaba.
Mootummaan naannoo Oromiyaas ta’ee mootummaan Federaalaa miseensota raayyaa ittisa biyyaa ajjeechaa kanarratti hirmaataniifi qaamolee isaan duuba jiran seeratti dhiheessuuf hojjetamaa jira. Uummataafis ifa ni ta’a.
Qaamni nyageenyaa uummata naannichaas nagaa ummatasaa eeguuf wareegama kamuu kaffaluuf yoomiyyuu caalaa of qopheessuu qaba. Ummannis wareegama hin barbaachifne kanfaluurraa of eeguun tasgabbiin socha’uu qaba. Hunda caalaa wal-dhaggeeffannaafi tokkummaan waliin dhaabbachuun murteessaa ta’a.
Uummanni Oromoo gaaffii mirga ofii gaafateef, mirga ofii kabachiisuufis karaa nagaatiin socha’eef qe’eesaarratti yakki lubbuun ajjeefamuu, buqqa’uufi shororkeeffamuun irratti raawwatamuu hin qabu.
Uummanni Oromoo kaleessa birmadummaa biyya Itoophiyaa jedhamtu kana dhiiga isaatiin tiksee asiin gee’eera. Saboonni sablammoonni biyyattii yeroo sana wareegama kamuu kan kaffaleef diina alaa biyyarra tiksuuf ture. Har’a miseensonni raayyaa ittisa biyyaa muraasni faayidaa uummataafi itti gaafatamummaa isaanii dagatan, uummata nagaa qe’eesaarratti dhaanamuun salphina guddaadha. Kanaafuuf wal bira dhaabbachuufi yakkamtoota kanneen saaxiluun murteessaa ta’a. Kana raawwachuun saboota alaabaa tokko jalatti waliin jiraachaa jiru ta’uusaa irra deebiin kan itti waliif mirkaneessu yeroonsaa amma.
Yakka ajjeechaa Calanqootti raawwate duuba eenyutu jira? Gaaffii jedhuuf ummanni ifatti deebii argachuu qaba.
Check Also
Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha
Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …